Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bu'uurii Bakrii Saphaloo' Baqachaa Barachuu' Jedhee Oromoo Gargaaruutti jira


Saphalo Education Foundation, eegii maqaa fi hujii Sheek Bakrii Saphaloo uleeffeesuuf hujii jalqabee ganna 11 keessa jira.Haga ammaatti baqataa Oromoo ka Keenyaatti baqatan kuma caalaan afaan,aadaa fi seenaa barsiisa.

Obbo Kadir Jaallee itti gaafatamaa dhaaba kanaa damee Keenyati,”marroo sadii guyyaatti barsiifna.Ganamaa,guyyaa fi galgalaa ni barsiifna nama 270 akkas ni gaha ka amma barachutti jiru.”

Wannii amma barsiisuuti jiran afaan Oromoo qofaa mitii afaan Ingililiizillee hin barsiisan.

Akka itti gaafatamaa kanaatti “rakkoo ufii namatti himattee namii sii himuun jechuun barnoota dhabuu irraa tanaafuu nama gargaara.

“Namii waan dabre hin beenne ka fuula duraa akeekuu dhiisii ka keessa jiru hin beeku tanaafuu waan nama keenna barachuun faaydaa qabdii jedha.”

Mani barumsaa kun seenaa nama barsiisaa afaan Oromoo beekamaa,Sheek Bakrii Saphaloo ka bara duriituu keessa afaan Oromootiin hojjachu jalqabe ulfeessuuf hujii jalqabe.

Maqaa kanaayyuu maqaa Sheek Bakrii Saphalootiin banuu jechuun maqaan nama akkanaa baduu dhowwuu jechuu gaafa namii barumsallee hin jabaatanitti Sheek Bakriin hagas nama barsiisuun akka Kadiritti waan nama boonsaati maqaa fi hujii nama jabaa akkanaa baduu dhowwuun waan nama boonsaati jedha.

Mee Hujii Mana Barumsa Kanaa MP3 tana irraa caqasaa

XS
SM
MD
LG