Roobii, Adoolessa 23, 2014 Local time: 05:45

Oduu

Ergan Ilmaan Koo Lamaan Dhabee Jireenyi Anaaf Hiika Hin Qabu

Multimedia

Sagalee
Jaallannee Gammadaa

Baqattoota biyya ofii keessaa dheessuun biyya namaa keessa dahachuuf dirqaman irra dararaan adda addaa kan ga’u ta’uu dhaga’amaa jira.Dhiyeenya kana Hargeessaa Somaaliilaand keessatti haalli dhaqqabe ragaa tokko.

Baqataan Abdurraahman Korosoo Kaayyoo jedhamu biyya ofii irraa ba’ee somaaliilaand erge seenee waggaa saddeet guutuuf jedha. Dhaaba baqattootaa kan Tokkummmaa Mootummootaa jalatti galmaa’ee waraqaa simannaa ykn maandeeta argatee jira.

Abbaa ijoollee lamaa kan ta’e Abdurraahman nama isa gargaaru waan hin qabneef jecha,ijoollee isaa lamaan mana duwwaa keessatti itti cufee hojiif manaa yeroo ba'eetti haalli gaddisisaan ijoollee isaa mudate.

Dubartiin lammii somaalee kan Abdurraahman waliin wal dhabaa turte tokko mana ijoolleen lamaan keessa ka’aman sanatti gaaza firfirsuun ibidda itti qabsiifte ijoolleen Abdurraahmaan lameen gubatanii du’uu Abdurrhaman bakka dhoksaatti ka’amee jiru irraa Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsee jira.

Anaaf sichi jireenyi hiika hin qabu jedha.Maaltu ta’e? Guutummaa seenaa kanaa MP3 tuquun dhaggefadhaa.

This forum has been closed.
Comments
     
There are no comments in this forum. Be first and add one