Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Kabinee Isaanii Haraa Ifa Godhan


Waggootii dhufan shaniif aangoo mummicha Ministeerummaan akka Itiyoophiyaa hogganan kan muudaman Haayle Maariyaam kaabinee isaanii har’a muudanii jiru. Miseensoota Kaabinee 26 keessaa irra hedduun aangoo ministeeraa duraan irra turaniin itti fufu. Gama kaaniin ministeeroonni duraanii kan aangoon jijjirameef kan keessa jiran yoo ta’u kanneen maqaan isaanii keessa hin jirre kan akka ministeera Bishanii Jallisii fi Eneerjii kan turan Obba Alamaayyoo Taganuu , ministeera maallaqaa fi misooma dinagdee obbo Sufiyaan Ahmed gonkumaa keessa hin jiran. Iddoo Obbo Alamaayyoo Taganuu Obbo Mootummaa Maqasaa muudamanii jiru. Kan haaraa aangoo ministeerummaaf muudaman kan akka Obbo Abdul Azizi Muhammad bulchiinsa naannoo Oromiyaa irraa Ministeera maallaqaa fi walta’iinsa dinagdee ta’uun muudamanii jiru. Kan waajirri haaraan banamee ministeerummaa duraan irra turan irraa kaafamuun ministeera Dargaggootaa fi Ispoortii ta’an Obbo Reedwaan Huseen ta’anii jiran.

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:44 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG