Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Maratoonii Beeruti,Istanbulii fi Ispeen Moohattee,Kubbaa Miilaalleen Wayahuutti jirti


Atileetotii Itoophiyaa Kedir Fiqaaduu,Saida Kedir, Koronii Jaliilaa, Amaanee Goobanaa Himaanaa Margaa,fi Hiwot Ayyaaloo dorgommi Sadaasaa11,2012 Beeruti, Istaanbuli fi Ispeenitti dorgoman moohatanii maqaa ufiiti fi biyya isaanii addunyaatti beessifatan.

Akka jecha leenjisaa atileetota Itoophiyaa Obboo Gammadoo Daddafootti maratoonii Beeruti Kadir Fiqaaduutti,2:12:57 moohate,gama dubraatii ammoo Sahaadaa Kadir 2:35:08,moohate.Ta Istaanbul ammoo Koronii Jaliilaatti 2:28:05tti galee tokkeessoo ,Amaanee Goobanaa 2:28:38galee lammeessoo tahe.Gama dorgommii fiigicha qaxxaamuraatiin ammoo Himaanaa Margaatti tokkeessoo bahee Hiywot Ayyaalootti gama dubraatiitokkeessoo tahee moohate.

Dorgommiin Beeruti tun dorgommii jajjabduu bokkaa fi bubbee keessaa fiigan ta dadhabbii guddoo qabdu.

Gama kubbaa miilaalleen gareen Itoophiyaa diqqaattullee mataa oli qabachaa kahuutti jirti.Akka jecha obboo Mokonnin Kuruu,damee teknikaa Federeshiinii Kubbaa Miilaatii nutti himetti Fedireeshiinii Kubbaa Miilaa Addunyaa,FIFA fi Konfedereshiiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa(CAF) sadarkaa Itoophiyaan kubbaa miilaatii qabdu ya oli siissaniif.Kun akka obboo Mokonninitti waan guddoo.

FIFA fi CAF gabaasa kana ji’uma ji’aan baasan akka jecha obboo Mokonninitti jabeenna gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa agarsiifachuutti jirtutti akkana oli kaasaa dhufe.

“Madaaliin tapha qofa irrattiin miti kan geggeeffamu…wantii guddaan gareen keennaa maal agarsiisee maal mullisee ..jedhanii akka ulaagaaleetti mullisu.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG