Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afrikaa Bara 2016 “Bara Mirga Dhala Namaa Afrikaa” jedhee Moggaase


Loogoo Gamtaa Afrikaa
Loogoo Gamtaa Afrikaa

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 26-ffaan magaala Finfiinneetti boru jalqaba. Dura ta’aa gamtichaa Robeert Mugaabee dabalatee hogantoonni biyyoota adda adda bayyeen Finfinnee galaniiru.

Gaamtaan kun bara 2016 Bara Mirgaa Dhala namaa Afrikaa jedhee mogaasera. Haata’uu malee dhimma kanan walqabatee murtee fi seera dhabbanni kun dabarsuu biyyoonni miseensa ta’an kabajuu diduu isaani akka dhabichaaf qormaata gudda ta’e ibsa yaa’ii kan laalchisee kennameeratti himameera

Manni murtti Arushaa kan dhabatee waan Gamtaan Afrikaa mana murtii yakka adunyaa qorachuuf dhabateet dhimmi Afrikaa akka hin laallamne murtesuu isattin ta’us Dr. Ayishaan yadachistee, “Dhabnni kun ooggaa 50 ool nutajaajilaa tureera. Namoonni dhaba kana bu’ureessan kan akka Kuame Inkuruma Afrika kolonii kessa baatee fi tokkoomte abjuu godhataniit ka’an. Ammas sanuuma dhugoomsuf hojjachaa jirra. Kana gochuuf immoo tokkumaa qabaannee waldhageefachuu fi wal kabajuun nurra eeggama. Miseensonni dhaaba kanaas murttii darbuu hunda akka kabajaniin gafadha,” jette.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:32 0:00
Xurree marsariitii

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa kanaratti kan hirmaatuu gareen Yunaaytid Isteetsis ,dura teechuu USAID Geel Ismiizin akka hoganamuu Ministeerri haajaa alaa Yunaaytid Isteets beeksiseera. Minstera hajaa alaatti itti aantuu itti gafatamtuu dhimma Afrikaa, Lindaa Toomaas Griinfiild, itti aanaa ministeraa demokkraasii dhimaa mirga dhala namaa fi dhimaa hojjatootaa Toom Maalinooskii , fi Dhimma nageenya biyyoolessaatti, daayreekterii dhimma Akfrikaa , Kaatii Beern garee yaa’ii kanaaf gara finfinne imaluu keessa jiraachuu isaanii beekameera.

Gamtaan Afrikaa yaa’ii oggatti hoo lama ta’u kessa tokko yeeroo hunda Finfineet ta’ama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG