Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mirga Namoomaa eegsisuuf Miseensonni Haraan Filataman


Gumiin walii galaa kan Tokkummaa mootummotaa biyyoota galmee dhittaa mirga namoomaa guddaa qaban miseensoota kaawunsilii mirga dhala namaa gochuuf filachu isaa gareeleen mirga dhala namaaf falman qeeqaa jiran.

Biyyoota kudha saddeet wixata darbe filataman keessaa 18 keessa harka sadii qofatu filamuuf uulaagaa guuta.

Tokk mootummotaatti Ambaasaaddarri yunaaytiid stetes Susan Rice akka jedhanti yunaaytiid stetes dhittaa mirga dhala namaa kan ilaaleen toora duraa irra dhaabattee kanneen dararamanii fi mootummoota addunyaa irratti gara jaboo fi hamoo ta’an jala jiraniif falmuu feeti.

Aayiivorii koost, Itiyoophiyaa Gaaboon keniyaa fi seeraaliyoon barcuuma Afrikaa banaa jiran shanan guutanii jiran.

Tokkummaa mootummootaatti daayriktera Human Rights watch
Tokkummaa mootummootaatti daayriktera Human Rights watch


Filatamuu Itiyoophiyaa kan ilaaleen Tokk mootummotaa keessatti/ bakka bu’a garee mirga dhala namaaf falmu Humnaan right watch..f bakka bu’a kan ta’an Filiipe Bolopiyoon ennaa dubbatan kun kan nama gaabbisisuu fi gaddisisuu dha jedhan.

Itiyoophiyaa kan ilaaleen wanni gaggeeffame filannoo ykn dorgommiidha kan jedhamu miti kan jedhaam oloopiyoon gareen warra Afrikaa haaluma baratamaa ta’een lakkofsii bakka butootaa dhiyesse wal fakkaataa dha.

Biyyonni akka Itiyoophiyaa galmee dhittaa mirga dhala namoomaa guddaa qaban filatamuun heeddu nama gaddisiisa jedhanii, Itiyoophiyaan filannoo dorgommii hin qabneen gammaduu mannaa haala itti galmee haala itti mirga dhala namaa kabajaa jirtu sakatta’uu qabdi jedhan.

keessumaa yaada ofii walaba ta’anii ibsachu kan ilaaleen humnootii ishee nagaa eegsisan itti gaafatamoo gochu qabdi jedhu.Garee mirga dhala namaaf falmu Human Rights watch irraa Filiip Bolopiyoon akka jedhanti
Mootummaan Itiyoophiyaa carraa kanaan tarkaanfii qabatamaa ykn hiika qabu fudhachu qaba.Fakkeenyaaf mirga yaada ofii walaba ta’anii ibsachuu fi mirga wal ga’u kabajuu qaba.

Miseensoonni haaraa seenan kun baatii Amajji fullee keenyaa jalqabee waggaa sadiif kan turan ta’uun ibsamee jira.



Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG