Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haadholiif Biyyi Jireenyaaf Gaarii fi Hamtuu Ta'e Eessa?


Presidantiin jaarmayaa save the children kan ta’an Kaaroliin Maayiils dilbata dhufu kabajamee kan oolu guyyaa haadholii sababaa gochuun gabaasni ba’e waggaa kana biyyoota 165 qorachu ibsan.

Biyyoota kana keessatti haadholiin attamiin akka da’an qoranne kan jedhan Maayiils kun haadha ta’uuf iddoo gaarii fi hamtuu taatte hubachuuf hedduu gargaara jennee yaanne.

Save the children akka jedhutti addunyaa irratti haadholiif iddoo gaariin biyyiNoorweey durboota fi dubartootaaf barumsa waliin ga’uuf akkasumas yeroo dubartiin deessu ogeessonni wajjin jiru. Kun haadhaaf da’umsi salphaa akka ta’u gargaara.

Biyya haadha deessuuf addunyaa irratti hamaa dha jedhamu NIjeer ta’uu gabaasni ba’e hubachiiseera.Dubartoota da’an sadii keessaa harka tokko qofatu carraa ogeeessa deesiftuu argachuuf danda’a. Shamarran immo waggaa 4 qofaaf barumsa argatu.

Niger keessatti dubartoonni giddu galeessaan waggaa 56 qofa jiraatu. Norway keessatti garuu waggaa 83 jiraatu.

Gabaasaa Guutuu MP3tuquun dhaggeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG