Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Jalduu fi Bulee Horaa, Deebii Angawaa Gujii


Hiriira Mormii Bulee Horaa, Oromiyaa
Hiriira Mormii Bulee Horaa, Oromiyaa

Shawaa Lixaa aanaa jalduu keessatti har’a barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa akkasumas sadarkaa tokkoffaa walitti dhufuu dhaan dhaadannoowwan adda addaa dhageessisaa turan. Jiraataan Magaalaa Jalduu tokko haala ijaan argan ibsaniiru.

Haala uumame jedhame kana gama mootummaan deebii kan kennan bulchaa aanaa Jalduu obbo Girmaa Lataa ti.

Godina Boranaa magaalaa Bulee Horaa keessatti har’a humnootiin Nageenyaa nama Mootara biskileetaan deemaa ture tokko eega rasaasaan rukutanii booda mormiin uummataa ka’uu jiraatonni dubbatanii jiru. Mormii kana irratti uummataa fi humnootii nageenyaa giddutti walitti bu’iinsa uumameenis namni lammataa ka biraan rasaasaan ajjefamuu dubbatanii jiru. Lakkoofsa namoota hidhamanii fi mada’anii baruuf rakkisaa ta’uun ibsamee jira.

Gama kaaniin Godina Gujii aanaa sabbaa Boruu keessatti uummanni projeektiin qonnaa warqee haaraan Okkotee keessatti jalqabamuuf qophiin xumuramuu mormuun kaleessa hiriira ba’anii turan. Reebichaa fi hidhaan humnootii nagenyaan xumuura hiriiraa irratti nu irratti gaggeeffame jedhu jiraatonni. Itti gaafatamaan waajiira nageenyaa kan aanaa obbo Dhekkamaa Waaqoo deebii kennaniin namni humnaan tarkaanfii fudhate hin jiru jedhu.

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:28 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG