Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaaffii jijjirraa Nyaataa Yunivarsitii Jimmaa


Muddee 3 bara 2012 mooraa yunivarsitii Jimmaa keessatti baratonni soommana baatii ayyaana Gannii sababaa gochuun nyaatii dur dhiyaataa ture akka jijjiramuuf gaaffii dhiyessanii jiru.

Hordoftoonni amantii Ortodoksii kun dhiyessiin Daabboo kan duraan kilo graama 100 ture booda gara kilo graama 50tti gad buufame iddoo duriitti nuuf ha deebi’u jedhu.

Yunivarsitiin Jimmaa garuu baratonni amantii adda addaa hordofan akkaataa soommana garaa garaa waan qabaniif sana hordofnnee nyaata dhiyessuuf rakkisaa ta’uu dubbatu.

Baratonni nyaata dhiyaatuuf kana mooraan ala geessuu fedhan akka jiranis ibsamee jira.

Walitti bu’iinsa uumameen barattonni mada’an akka jiran kan ibsamee ta’uus bulchiinsii mooraa yunivarsitii jimmaa garuu gabaasaan akkasii nu dhaqqabe hin jiru jedha. Yeroo ammaa baruumsi itti fufuu isaas ibsee jira.

Gaaffii di Deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:36 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG