Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Poolisii Keeniyaa Finciltoota Oromoon ajjeefamuu Poolisiin biyyattii himatee, ABOn immoo ni haale


Jimaata darbe Sadaasa 20 bara 2015 raawwatame kan jedhame haleellaa daangaa ce’e jedhametti aansuu dhaan keniyaan loltoota ishee dabalatee humnootii nagaa eegsisan naannoo Marsabeetitti bobbaasuu ishee maxxansaan gaazexaan biyyattii beekamaan Daily Nation kan Sunday nation jedhu gabaaseera.

Komiishinerri konyaa Marsaabet Moofaat Kaangii Sunday nationf ibsa kennaniin halellaa daangaa ce’ee raawwatu akkasii kan ilaalamu sadarkaa diplomaasummaatti ta’uu ibsanii maaliif akka uumame Itiyoopiyaa irraa ibsa kan barbaadan ta’uu dubbachuun isaaniis tuqameera.

Nuti daangaa isaaniitti ceenee hin beeknu. Maaliif poolisii irratti haleellaa akka raawwatan baruu barbaanna. Jedhan Kaangiin

Loltoonni Itiyoopiyaa Keeniyaa kan seenan namoota hidhatanii turan uruu adamsanii ta’uu kan gabaasame ennaa ta’u Itiyoopiyaa irraa akeekkachiisi tokko illee kan isaan hin dhaqqabne ta’uu komiishinerichi konyaa

Dubbi himaan poolisii Keeniyaa Charles Owinoo immoo deebiin kennan faallaa gabaasa Sanaa ti.

Humnootii Itiyoopiyaa ta’uu isaanii nan shakka. Sababiin isaas humnootii Itiyoopiyaa ennaa jennu mootummaa Itiyoopiyaa jechuu keenya.Kanneen kun Itiyoopiyaa keessatti kan argaman finciltoota Oromoo ti.

Addi bilbisummaa Oromoos gama isaan himannaa kana haaluu dhaan mootummaan Itiyoopiyaa badii ofii dalage haguufuuf finciltoota Oromoo ti jedha jechuu dhaan haleellaa sana humnootiin isaanii hin raawwanne jechuun haalan.

Dhimma kana ilaalchisuun gama itiyoopiyaan ministriin dhimmootii kominikeeshinii mootummaa obbo Geetaachew Reddaa nageenya biyyoota lamaanii eegsisuuf jecha sochii gamtaan geggeessan qabaachuu isaaniif kanneen barbaadaman dabarsanii walii kennuuf walii galteen jiraachuu nuuf ibsaniiru.

Kana dura naannoo ESOLOO jedhamu keessa addi bilisummaa Oromoo dhokataa ture kan jedhan obbo Geetaachewn qammni lamaan waliin hojjetaa waan jiraniif rakkoon hin jiru jedhan. Yeroo ammaa heleellaa geessisanii baduu hin danda’an. Sabaa himaan waan dubbateef qofa dhugaa jechuun hin danda’amu jedhan.

Gabaasa kana caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:27 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG