Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barii,Bara Roobaa Fi Nagaa,Quufaa Fi Gabbinnaa fi Ka Hormaataa Bultumaa Ha Nuu Tahuu!


Gannii haarahii yoo dhufu wal eebbisanii waan dansaan walii fedhuun aaduma teenna.Ji’a Ammajii kanatti kaan dullachaa garaa ballaa,horii dullachaa qalachaa waaqa ganna dullachaa irraa ganna haaraatti nu dabarsite si galateeffanaa jechaa onaa fi ollaan wal yaamee horii qaltee nyaatee walii dhugaa waan dabreef waaqa isaa galateeffachaa ka dhufuuf ammoo isa abdachaa yaaha.

Namii hagii tokkoo jireenna ufiitii falatee malate,kaan karoora itti aantu baafata,hagii tokkoo ammoo ufi bira dabree ummataa waan kana hojjadhaa jedhee karoorfata.Namuu waan ummataa isaatii tahee ufii waadaa galu qaba.

Sheek Kaalid Mohaammad Masjida DC jirutti Imaama,akka Sheek Kaliiditti
amantiin Islaamaa teenna amantiin teenna amatnii nagaati.

“Amantiin teenna amanti nagaati.Akka nama markaba tokko waliin kireeffatee waliin deemuu nu hundinuu ‘alama’ tana nagaa isii eegnee tajaajiluu qamna.Oromoollee tahee ka hin tahin ..namu ilma namaa waan taheef namummaa isaatiin kabajuu qamna..tokkichuma ilma namaa kabajuu qamna.”

Solomoon Yohaannis Awaasaa jraataa innillee waan bara haaraa kanatti ummataa hojjachuu fedhe qaba.

“Yoo fedhii waaqaa taate ganna haaraa kana waan addaa addaa ummataa hojjachuu fedha;dubbii waaqaa barsiisuuf mana waldeennaa,mana amantii kiristaanaa,aanaa Miyootti jaaran eebbisuu,ijoollee dhibba tokkootii hosteelii jaaruu fi kitaaba qulqulloo kakuu moofaa jecha afaan Booranaatti deebisuuf qophii qamna.”

Artsiti Hayiluu Kitaabaalleen warra ummataa bu’aa buusuuf qophoofne jedhe keessaa tokko.

“Yeroo hundumaa artistootii Oromoo fedhiin keenna,hawwiin keenya ummannii Oromoo tokko tahee wal bira dhaabatee waan duratti hawwaa ture akka argatu fedhiin teenna tana..kanaafuu tokkummaa,tokkummaa,tokkummaadhan labsaa umamtaa keenyaaf.”
Sheek Usmaan Syidilleen MNtti Imaama.”Baga rabbiin gammachuu waggaa haaraa tanaan nu gahee.Amantiin teenna garaagarummaa haa qabaattuu malee rabbiin waliin nu uumee. Wal haa qabannuu,ollaa keenna haa tohannuu,ka fayyaa dhabe bira haa dhaabannuu,ka qarqaarsa haajamullee haa bira dhaabannuu,waan gaarii tokkoo haa garsiifnuu.”

Dr.Asseggid Boggaalee barsiisaa Universty Tuskigii ta Alabaamaa jirtuuti.Namii akka ke kana asi dhufee barachuu fedhu maan tolchuu male maan gorsita jennaan.
“Wannii nama gorsu karaa hojii argatanii horiin argatan ilaaluu qofaa adoo hin tahini akka mataa gara barumsaa deebifatan gorsa.Yuniversitiin teena tun ta nama gurraachaati nama Afrikaa asi barachufu gaafatu hin jaalatanii…wannii guddaan interneetii irraa odeeffannoo yuniveristy tanaa ilaalanii asi barachuuf gaafachuu.”

Isan ammoo ummataa keessanii waan dansaa maan hojjachuuf waadaa galatan,ufii hoo?Me woma dansaa waadaa galtaniifuu milkhaa jennaa qophii teenna tanallee www.voaafaanoromoo.com irraa nuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:32 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG