Xurree ittiin seenan

Breaking News

OCHA FI gargaarsi misooma addunyaa Ameerikaa Itiyoopiyaaf gargaarsa gumaachan


Jarmayaan gargaarsa addunyaa kan Amerikaa USAIDn Itiyoopiyaa keessaa sagantaa gargaargsa nyaataa qaba ka jedhan itti gaafatamtuu USIDtti itti gaafatamtuun kutaa gargaarsa kan Itiyoopiya gama bahaa, waaltaa fi gama kibbaa Racher Grant, haala mudataa jiru itti dhiyeenyaan hordofna jedhan.

Fedhiin gargaarsaa dabaluun isaa nu yaaddessee jira. Kana irraa ka’uu dhaan gargaarsi kun yeroo attamii akka dhaqabu ilaalchisuun murtii irra geenye. Akkuma kanaanis gargaarsa doolaara miliyoona 97 gumaachine jedhan.

Gargaarsa kana kallattiin mootummaaf waan hin kennineef uummata dhaqqabuu qabu bira ga’uu isaa attamiin adda baafattu ka jedhuuf Racher Grant deebii kennaniin:

Gargaarsa kana kallattii dhaan mootummaa itiyoopiyaaf hin kenninu. Gargaarsa kana Michoota keenya naannoo fi ka sadarkaa addunyaa, jaarmolii dhuunfaa ti Tokkummaa mootummootaaf kennina. Kanneen kunis namoota Itiyoopiyaa keessaa akkaan miidhamaniif raabsu.

Waldaa gargaarsa misooma addunyaa Ameerikaa USAID
Waldaa gargaarsa misooma addunyaa Ameerikaa USAID

Hongeen EL NINOn dhaqabsiiseef waajjirri keenya itti dhiyeenyaan hordofaa jira jedhan. Rakkoo EL NINOn Itiyoopiyaa keessatti dhaqqabsiise beela fide jettanii yaadduu isa jedhuuf gargaarsa kennamaa jiru akkasumas deebii mootummaan kennaa jiru irraan kan ka’e beelatu mudate jechuu hin dandeenyu jedhan.

Gama biraatiin immoo tokkummaa mootummootaatti waajjirri qindeessa gargaarsa namoomaa (OCHA) keessatti kutaan gargaarsa maallaqa yeroo hatattamaa Itiyoopiyaa keessaa hawaasa hongee dhaan akka hamatti miidhamaniif kaleessa gargaarsa doolaara miliyoona 17 gumaache jechuu dhaan itti gaafatamtuun kutaa gargaarsa yeroo hatattamaa Lisa Dowton VOAf ibsaniiru. Maallqa kana attamiin hojii irra akka oolchan ibsaniiru.

Doolaara miliyoonni 17 kun midhaan nyaataa baatilee lamaaf ta’u, kunis lammiiwwan Itiyoopiyaa miliyoona 1.5 gargaarsa midhaan nyaataa kan argatan si’a ta’u nyaata dabalataa lammiiwwan Itiyoopiyaa miliyoona 1.4 akkasumas nyata dabalataa kan adda 154,000 kanneen akkaan miidhamaniif dhiyeessuuf oola. EL NINON addunyaa irratti dhiibbaa hamaa fidaa ennaa jiru kenatti keessumaa yeroo ammaa Ethiopia fi kana males gaanfa Afriikaa keessatti miidhaa dhaqqabsiisaa jira jedhan.

Maallaqi kunis naannolee ja’a, Afar, Amaaraa, Oromiyaa, naannoo uummattoota kibbaa, Somalee fi Tigraay keessa kanneen jiran uummata akkaan miidhamaniif oola jechuu dhaan itti gaafatamtuun kutaa gargaarsa yeroo hatattamaa Lisa Dowton ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG