Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Ajjefamee Awwaaluun Rakkisaa Ta’eera, Hirirri mormii kan Barattootaa Garu Itti Fufeera


Hiirira Mormi, Oromiyaa
Hiirira Mormi, Oromiyaa

Godiina Qellem Wallaggaa magaalaa Canqaa keessatti humnootii polisiin kan ajjefaman Aaddee Sirnee Guddataa ilma koo hin qabattan jechuun waan didaniif jecha rasaasaan haleelamanii ka battalumatti du’an yoo ta’u ilmi isaanii Dargaaggoo Isheetuu Fedhasaa rasaasaan rukutamee gara Hospitaala Ayiraatti eega geeffame booda du’uu isaa jiraattonni ibsanii jiru.

Ilmii aaddee Sirnee ka biraan Ayyaanaa Fedhasaa rasaasaan milla isaa irra rukutamee Hospitaala keessatti yaalamaa kan jiru ta’uunis ibsameera. Garuu kanneen kaleessa ajjefaman haadhaa fi ilmi har’a ituu hin awwaalamiin reeffi isaanii mana keessa kan jiru yoo ta’u kanaafis sababaan kenname sodaaf jecha nama ba’ee awwaaluutu dhibe kan jedhu.

Gama kaaniin Godina Shawaa Kaabaa Suluultaa keessatti kaleessa, godiina wallaggaa bahaa magaalaa Naqamtee, Godiina Gujii aanaa Oddoo shakkisoo, kooleejii Riifti Vaalii kan magaalaa shaashamannee, akkasumas yunivarsitii Finfinnee mooraa Siddist Kiloo keessatti har’a hiriirri mormii barattotaan gaggeeffamuu jiraattonni naannoo ibsanii jiru. Iddoo hundumaatti humnii waraana Itiyoophiyaa barattootaa fi jiraattoota naannoo reebaa fi hidhaa kan jiran ta’uun ibsamee jira. Tarkaanfii humni waraanaa fudhatu sodaachuun manaa gad ba’anii haala ammaan dura baratameen jireenya ofii gaggeessuun akkaan rakkisaa ta’uu jiraattonni hubachisanii jiran.

Mootummaan Itiyoophiyaa garuu haga ammaatti nama 5 qofaatu ajjefamee akkasumas hiriira mormii barattonni Oromoo gaggeessan kana garee kufaatiin siyaasaa isaan mudatee fi kan shoroorkeessotaatu harka keessa qaba waan ta’eef tarkaanfiin kan fudhatamu ta’u akeekkachisee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:23 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG