Xurree ittiin seenan

Breaking News

IBSA MOOTUMMAATTI DEEBII ABO FI KFOn KENNAN


ABO,Mootummaa fi KFO
ABO,Mootummaa fi KFO

Mormii Oromiyaa keessatti geggeessamaa jiru ilaalchisuun Muummicha-ministaraa Itiyophiyaa dabalee aangawoonni biyyattii ol’aanoon ibsa kennanii jiran. Ministarii Dhimma Koomiyuunikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa, Obbo Getaachew Raddaa, tuta sabaa-himaa biyya keessaaf ibsa kennanii fi Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin, jeeqama dudduuba taa’anii akka inni belbelu ka gochaa jiran dhaabota biyya keessatti sirnaan galmaawanii sosso’anii fi kanneen biyya alaa jiran akka shororkeessotaatti ramadamani jechuun balaaleffatanii jiran.

Ibsawwan Ministarichi Dhimmoota Komiyunikeeshinii Itiyoophiyaa kennan kanaaf akka deebii kennan ka gaafataman Addi Bilisummaa Oromoo fi Kongiresiin Federaa;awa Oromoo, “mootummaan Itiyoophiyaa maqaa adda addaa waamee itti-gaafatama dhaaba biraatti dabarsuu yaaluu irra gaaffii uummata irraa dhihaateef iddoo kennee deebii barbaachisu kennuu qaba” jedhan.

Dubbi-himaan Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Toleeraa Adabaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, “ABO miti ka mormicha kakaase.Mormiin Oromiyaa keessaa mormii uummataa ti. Uummaa miidhaa barootaaf irratti geggeessame baachuu dadhabee ka’e.” jedhan.

Gama biraatiin, dhaaba mormituu biyya keessaa irraa barreessaan Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaas, kan uummaticha mormiif kakaase hammaachaa deemuu hacuuccaa mootummaa akka tahe dubbatu. “Miseensonni keenyas tahe uummatni mirga isaaf karaa nagaa falmachuun mirga heerri biyyaa kenneef” jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:11:21 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG