Xurree ittiin seenan

Breaking News

Har’as Duris Tokkummaafan Iyya!


NUHOO GOOBANAA
NUHOO GOOBANAA
Weellisaan Oromoo Angaftichi Nuhoo Goobanaan waggoota hedduuf biyyootii alaa keessa jiraataa erga turee booda yeroo ammaa gara biyyaatti deebi’ee jira.

Kurna sadii oliif weellisaa yeroo turetti aadaa fi afaan Oromoo hawaasaalee addunyaa biratti akka beekaman gochuuf karaa sirboota isaa dadammaqiinsa kennaa, hawaasaalee Oromoo biyyoota adda addaa keessa jiran illee walitti qabuu dhaan hojjetaa turuu isaa dubbata Nuhoon.

Dhibee Sukaaraan dhibamee baatilee haga tokkoof uummatatti utuu gad hin ba’iin turuu isaa kan dubbatu Nuhoo Goobanaa gargaarsa uummati isaaf godheen mana yaalaatti deddeebi’ee dandammachaa jira jedha.

“Walii galan alaa galu” Oromoon jedhe weellistichi kun tokkummaan hin jiru taanaan milkaa’inni nu irraa fagoo dha waan ta’eef akkuman baroota darbe jedhe itti fufees wal haa taanuu jedha humna guutuu qabaachuu baatus dhaamsa isaa dabarsuun hafuura sassaabbatee ibsa nuuf kenneen.

Gaaffii fi deebii Nuhoo Goobanaa Waliin geggeeffame dhaga'aa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:03 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG