Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qananiisaan Maratoonii London Moo’e, Leenjisaan Abbebee Biqilaa Faan Ya Lubbu Dhabe


Qananiisaa Beqqelee Martoonii Londoniitti Moohaa Faaraa,gurbaa dhalootaan Somaalee ka Biritishi Fiigu kaan caalee Moohate.

Dorgommii Bupa North Great Run jedhan tana baruma baraan Fulbaana keessa wal dorgomanii barana nama kuma 56 irratti wal dorgome.Kana keessaa hagii tokko atileetota addunyaa bebeekamoo.

Qananiisaa gurbaa Somaalee ka biyya kana sekondii tokkoon caalee moo’e.Moohaan lammeessoo Hayilee G/Sillaasee ammoo

Ta dubraa keessaa intaltii Keneyaa Priscah Jepetoo tokkeessoo,Meseret Deffaar lammeessoo,Xurunesh Dibaabaa ammoo sadeessoo taate.

Gama kaaniin ammoo namii atileetota Itoophiyaa dorgommii biyya keessaatii fi biyya alaatii dorgoman ta akka Abbebee Biqilaa fi Maammoo Waldee fa leenjisaa bahe,aabba Soraa Jaarsoo dhiyoo tana Finfinneetti lubbuu dhabe.

Abba Soraa Jaarsoo durii barsiisaa yuniversity Finfinnee damee SIDIST KILOti. Dhiba akka akkaa himachaa bahe guyyaa dheengaddaa ganna 76tti Finfinneetti lubbuu dhabe.

Aabba Soraa Jaarsoo bara ispoortii Kubur Zebenyaa jedhan keessatti atileetota Itoophiyaa metrii 1000,1500,maratoonii fi dorgommii Olompikiitii leenjisaa bahe.
“Abbebee Biqilaa nama akkam jennaan nama jabaa morkaan ispoortii hojjatu,” jedhe.

Gama kaaniin ammoo dorgommi Kubbaa miilaa addunyaa ganna dhufu Braziltti tapatan ta biyyiti 32 addunyaa keessaa filataman haga ammaatti biyya 10ti filatame

Floyd MayWeather,namicha Amerikaa dorgommii boskiin addunyaatti beekkamu kaan dorgommii guyyaa dheengaddaatiin namicha meksiko tokko moo’ee doolara miliyoona 41 fi kuma 500 badhaafame.

Qophii Ispoortii tana caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:45 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG