Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abunichi Kaatolika Roomaa Pope Fraansis Vatikaanitti deebi’an


Pope Fraansis daawwannaa isaanii kan Ameerikaa xumuran
Pope Fraansis daawwannaa isaanii kan Ameerikaa xumuran

Abunichi kaatolika Roomaa Pope Fraansis haasaawwan maatii, hawaas akkasumas walii yaaduu fi gadduu irratti fuuleffate dhageesisuu dhaan daawwannaa isaanii Ameerikaa xumuranii jiru.

Poopichi daawwannaa isaanii kutaa Filaadelfiyaatti geggeessaniin dilbata ganama Abuuniiwwan gamasii biraa simannaa ho’aan godhameefii jira. Fraansis kana dura luboota kaatolikiitiin dararaan saalaa kanneen irra ga’e namoota shan waliin dhuunfaan wal arganiiru.

Keessumaa kanneen dararaan saalaa irra ga’e Vaatikaan luboota waggoota dheeraaf yakka akkasii raawwatan irratti tarkaanfii hin fudhanne jechuun himatu. Haa ta’u malee erga dilbata poopichi namoota dararaa akkasiif saaxilaman haasofsiisanii booda eenyu iyyuu ijoollee irratti dararaa kan raawwatu callisee hin ilaalamu jedhan.

Ijoolleen dararaan saalaa irra ga’uun Waaqayyoon gaddisiisa. Kanaaf yakki akkasii icitii ta’ee turuu hin qabu jedhan. San booda Poichi gara mana hidhaa kutaa Filaadelfiyaa dhaquu dhaan achittis hidhamtoonni muka soofanii teessuma tolchan irra taa’an. Pope Fraansis kana dura irra deddeebi’uun adaba du’aa akka moarman illee dubbataniiru. Daawwannaa isaanii kan yeroo ammaa United States –tti geggeessaniin illee ejennoo isaanii kana cimsuu dhaan ilmoon namaa dhiifamni hin godhamneef hin jiru jechuun hidhamtoota kanatti himan.

Achiin booda Pooppichi konkolaataa isaanii xiqqoo keessa taa’uu dhaan namoota isaan ajaaiffatan kuma hedduun marfamanii magaalaa Filaadelfiyaa keessatti sirna kadhataa bakka ggeessanitti deeman.

Kaleessa galgala itti aanaa prezidantiin United States Joe Biden Pope Fraansis ennaa isaan gara Vaatikaanitti deebi’an jiloota sadarkaa ol aanaa waliin ta’uu dhaan geggeessaa godhaniifii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG