Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Cimee Hojjennaan Lafa Yaade Hin Hanqatu


Kan Washingten DC keessa jiru ministrii haajaa alaa Ameerikaa keessaa shaakala hojii irra kan turte shamarree Seenaa Chimchimoo duula filannoo presidentummaa Ameerikaa kan Baraak Obamaa marasaa lamaanuu keessatti himraachuu dhaan uummata dadammaqsuu qabee waajjira duula filannoo isaanii haadhoo kan Shikaagoo jiru keessaa illee hojjetaa turte. Senetii Illinooyi keessaa illee shaakala hojii irratti bobbaatee hojjetteetti Seenaan.

Presidaant Obamaa akkan deggeruuf waan na kakaase inni duraa ilaalcha isaan dubartootaaf kennan akkasumas kaayyoon isaan qabatanii ka'an kan koo waliin waan wal gituufii jetti seenaan. Namni bakka yaade ga'uu yoo fedhe danqaa kan itti ta'u ofuma isaa malee ka biraan hin jiru, kanaaf kaayyoo qabatanii ka'antti amannaan galma ofii ga'uun ni danda'ama jettee jirti.

Fedhii siyaasa keessatti hirmaachuuf qabdu seenaan yeroo ibsitu hoogganoonni Afrrkaa hedduun isaanii warreen gama dhiyaa irraa barachuun utuu irra jiru mirga dimokraasii biyyootii alaatti shaakalan uummati isaanii akka hin dandammanne gochuun isaanii na ajaa'ibaa jetti. Gara fuula duraatti kanneen imaammata biyyaa baasan waliin hojjechuu, keessumaa hundee guddina dinagdee fi hawaasaa kan ta'an mirga dubartoonni hawaasa keessatti qabaachuu qaban irratti hojjechuun fedha jetti.

Guutummaa marii Seenaa waliin geggeeffame kutaan lamaanuu kan armaan Gadii ti.

Gaaffii fi deebii kutaa 1ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:40 0:00
Xurree marsariitii

Gaaffii fi deebii kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:24 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG