Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awrooppaaf arjoomtonni mindaa hojjettoota mootummaa Somaaliyaaf kan oolu maallaqa deggersaa kennan


Gamtaa Awrooppaa dabalat arjoomtonni addunyaa fi mootummaan somaaliyaa waggoota itti aanan shananiif mindaa hojjettoota mootummaa Somaaliyaaf deggersa oolu ka gumaachan ta'uu walii galtee dandeessisu Naayroobii keessatti mallatteessanii jiran.

MInisteerri Faaynaansii Somaaliyaa Mohamed Adan Fargeti-n Raadiyoo sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti maallaqi doolaarri miliyoonni 100 fi miliyoonni 44 qaama walii galtee haaraa bara 2013 arjoomtonni kennuuf waadaa seenanii ti. Maallaqi kunis kanneen barbaachisu bira ga'uu isaa mirkaneeffachuuf qaamotii adda addaan geggeessame. Gamtaan Awrooppaa Somaliaaf gargaarsa kanneen kennan keessaa isa duraa ennaa ta'u nageenya biyyattii keessaa fooyyessuuf akkasumas fedhii bu'uuraaf kan oolu doolaara miliyoonaan laka'amu gargaarsaan kennee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG