Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Paaris Keessatti Geggeessame Hegeree Godaantotaa Yaaddoo irra Buuse


Dr. Bayaan Asoobaa
Dr. Bayaan Asoobaa

Eega haleellaan shororkeessummaa magaalaa Paaris keessatti garee Islaamik Isteetsiin geggeessame booda, waa’ee baqattotoa Syriyaa irraa heddumminaan Awurooppaa seenaa jiran simachuu irratti wal-mormii guddaa deemaa jira. Ka duraan godaantota sana simachuuf ehamanii jiran – biyyoonni Afrikaa hedduun yaada isaanii jijjiiruu malan jedhama.

As Yunaayitid Istees keessatti illee dorgomtoonni filannoo prezidaantummaa, keessumaa, Rippaabilikaanonni akka biyyi isaanii godaantota Siiriyaa simachuu dhaabdu fi masjiidota biyyattii keessa jiran irratti illee to’annaan cimaa geggeessamu gaafataa jira.

“ Imaammatni prezidaant Obaamaa Islaamik Isteets irratti qabu dadhabaa dha” jechuun illee komata. Koomishina mirga namoomaa kutaa Ohaahiyoo irraa ka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennan – ogeessi seeraa fi hiriiroo sadarkaa addunyaa, Dr. Bayaan Asoobaa garuu, biyyoonni Awurooppaas tahe Yunaayitid Isteets furmaata ta’uu hin danda’u. Inumaa, kaayyoo gareen Islaamik Isteets qabatee ka’e wajjiin wal-simata, jedhan. Godaantonni biyyoota Addunyaa gama Lixaa keessatti hin simataman taanaan, deebi’anii harka Islaamik Isteets galuu akka malan dubbatu, Dr. Bayaan.

Gareen kun maqaa Islaamaan ka socho’aa jiru waan ta’eef, rakkoo kana furuuf carraaqqii Addunyaan godhu keessatti musliimonni fi biyyoonni biyyoonni Musliimaa murannoodhaan hirmaachuu qaban. Musliimonni biyyoota Addunyaa gama Lixaa keessa jiraatanis hubannaa gaarii qabaachuu qaban, jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:13 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG