Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waggaan Darbe Bara Dhiittaan Mirga Namaa Itti Hammaate Jedha, Human Rights Watch


Faayilii: Baqattoota lafa cabbii daangaa Makadooniyaanii gara Sarbiyaa deemaa turan, Amajjii 18, 2015
Faayilii: Baqattoota lafa cabbii daangaa Makadooniyaanii gara Sarbiyaa deemaa turan, Amajjii 18, 2015

Barri 2015 Afrikaa keessaa waggaa itti dhiittaan mirga namaa itti hammaate jechuu dhaan gareen mirga namaaf falmu Human Rights Watch beeksisee jira.

Gareen United States keessa maadheffate kun akka jedhetti mootummoonni Afriikaa keessumaa gaanfa Afriikaa fi Afriikaan waaltaa mormitoota isaanii gaazexeessotaa fi qabsaa’ota isaanii irran dhiibbaa hamaa geessisan.

Haala hamtuu Burundii keessatti uumameen humnootiin mootummaa mormitoota perezidaanti Piyeree Nikurunziza morman hedduu galaafatan.

Gochi gara-jabinaa mootummaan oofu gaazexeessonni dhuunfaa fi qabsaa’onni mirga namaa biyyattii dhaa akka baqatan dirqisiise.

Angawoonni Ugaandas filannoon baatii Guraandalaa keessaa utuu hin ga’in gaazexeessota doorsisaa jiran. Mootummaan Riwaandas walabummaan yaada ofii ibsuu ukkaamsuu dhaan seera haaraa kan perezidaanti Paawol Kaagameen hanga bara 2034tti aangoo irra turan eeyamu beeksisee jira.

Human Rights Watch biyyootii kanneen biroon Itiyoopiyaa, Zimbabwe fi Siwazilandi dabalatee jijjiiramni akka dhufuu kanneen iyyatan sagalee isaanii ukkaamsaa jiran.

Waraanni Sudaan naannoo Darfur keessatti humnaan gudeeddii akka meeshaa waraanaatti itti gargaaramuu isaa fi mootummaan Somaliya amma iyyuu naannolee ofii isaa to’atee jiru keessa uummata jiraatuuf eegumsa gochuu hin dandeenye jechuu dhaan Human Rights Watch komee qabu ibsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG