Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hawaasaaleen Oromoo Waashingten DC, Naannawa Ishee fi Kutaalee Ameerikaa Ka Biroo Keessa Jiraatan Waayit Haawus Duratti Hiriira Nagaa Geggeessan

Waldaan Hawaasa Oromoo Waashinten DC fi naannawa ishee, bakka-bu’oota hawaasaalee Oromoo kutaalee Yunaayitid Isteets ka biraa, Waldaa Of-gargaarsa Dargaggoota Oromoo, Waldaa Dubartoota Oromoo Guutummaa Addunyaa waliin gamtoomuun hiriira Masaraa Mootummaa Yunaayitid Isteets, Waayit Haawusii fi Ministrii Dhimma alaa Yunaayitid duratti geggeessan. Mootummaan Itiyooiphiyaa hiraarsa, dararaa, hidhaa fi ajjeechaa Uummata Orommoo irratti, keessumaa, barattoota Oromoo irratti geggeessaa jiru hatattamaan akka dhaabu. Mootummaan Yunaayitid Isteetsis mootummaa abbaa-irree kana gargaaruu akka dhaabdu gaafachuun, dhaadannoolee kana calaqqisan dhageessisaa turan. Jimaata, Waxabajjii 19, ganama sa’aa sagal irraa jalqabee haga waaree booda sa’aa tokkootti geggeessame hiriirichi.


XS
SM
MD
LG