Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaansi Gara Awrooppaa Du’aa fi Jireenya

Godaansi Gara Awrooppaa Du’aa fi Jireenya

Lakkoobsi namoota waggaa kana dirqamanii qe’ee isaanii dhiisanii baqatanii akkaan ol ka’ee jira. Namoonni kumaa hedduutti laka’aman Afriikaa fi giddu galeessa bahaa irraa ka’anii galaana Mediteraaniyaan qaxxaamuruun imala lubbuu isaaniif sodaachisaa ta’e geggeessanii gara Awrooppaatti qajeelu. Ertraa, Sudaan, biyyootii Afriikaa gama dhiyaa hedduu akkasumas Siiriyaa fi Afgaanistaan irraa dargaggoonni hedduun gara Awrooppaatti godaanu. Dargaggoota qofaa utuu hin taane ijoollee fi haadholiin illee jireenya wayyaawaa barbaaduuf jecha gara Awrooppaatti deemu.

Godaansi Gara Awrooppaa Du’aa fi Jireenya caalaa natti agarsiisi >>
XS
SM
MD
LG