Xurree ittiin seenan

Hongee fi Hanqina Nyaataa Itiyoopiyaa Keessaa

Wiixata 27 Bitootessa 2017

Calendar

Bonii Baaletti jabaatee namaa fi horii hedduullee irraa miidhe

Bonii Baaletti jabaatee namaa fi horii hedduullee irraa miidhe

Hagii tokko bokkaa gannaa dhabe,haga tokko bokkaa hagayyaatti irraa oole.Bonii baranaa Oromiyaa harka 30 caalaan itti dhufe.

Itoophiyaan ummata isii bonii itti jabaate miliyona 5.6 gargaarsa gaafachuutti jirti.

Afrikaanu barana bokkaa silaa argachuu malte hin arganne.Gama hedduu horii dhiisii naminuu jiraachuufuu yaaddoo keessa jira.

Beela Afrikaa haga guddaan harka namaatu fide jedhan hayyootii.: Horin kahuu dadadhabe kun Laga Athi Naayroobii,Keenyaa. Fulbaan 16, 2009. REUTERS/Thomas Mukoya/File Photo -1

Beela Afrikaa haga guddaan harka namaatu fide jedhan hayyootii.: Horin kahuu dadadhabe kun Laga Athi Naayroobii,Keenyaa. Fulbaan 16, 2009. REUTERS/Thomas Mukoya/File Photo -1

Naannoon Somaalee,ummata Kibbaa naannoo Amaaraa,Afaar faatilleen naannolee rakkoo akkanaa kessa jiran keessa tokko.

Godina Baalee keessaa keessattu aanaaleen gammoojjii horiin irraa du’uutti jira.Laftii durii baddaa gurraatti jedhan amma diddiimessa tahuutti jirti jedha warrii Madda-Walaabuutii fi Dalloo-Mannaatii dhubbfine.Horiin yoo qalatan foonii hin qabuu yoo gurgurtan ammoo gati hin qabu jedhan.

Bonnii kun Madda-Walaabuutti ganna lamaa asi akka malee hammaachuu dhufe jedha warrii lafaa namii akka obboo Ahmed faati.

“Horiin jiru maqaatti jiraa malee hin jiru. Qalatan foon hin qabuu gurguratan gabayaa hin qabu.Mataa kiyyattuu gara hori 16 naraa dhume.”

Laftii akkanaa rakkoon tun itti hammaatte jedhan ganda akka:“Hora koree,Bariisaa,Gannaalee Duumee, Odaa Boojjii,Goloo Jawwee, Warree fi Karjuula akka malee miidhamaa jiran.”

Gargaarsii jirulleen diqqaa jedhan.

Gama Dalloo-Mannaa keessaa ammoo ganditii bonaa itti hammaatte jedhan: Barraaqa,naanniga dheeraa,kallee golbaa, waabara,Malkaa Amaanaa,Cirrii gammoojjummaan hammaachuu irraa kana kahe loon hedduutti dhume.

Gargaarsii kennanilleen maati nama 10 fi 20 fa qabu womaanuu hin gahu.Rakkoon akkanaa tun haga guddaan gammoojjii.Gatiin midhaaniilleen qaalii.

Dalloo-Mannaa akka warrii beeku jedhutti durii biyya waan hedduun himan,biyya bunaati.Gama afraniinuun biyya baddaati.Tun cuftii waan duriiti.Amma ammoo guddoo miidhamte.

Mootummaan Itoophiyaa naannolee rakkatan jedhanii gargaarsa kennuutti jiraa jedha.

Akka itti gaaftamaan damee ittisa balaa Itoophiyaa,Mitikkuu torbaan dabre keessa jedhetti mootummaan isaanii rakkoo bonaan faluuf doolara miliyoona afurii baasee ummataan gargaaruutti jira.

Tana maleelleen mootummaan Itoophiyaa gargaarsa doolara miliyona 984 ummata rakkateen gargaaruuf gaafate.

Daarekterii USAID Itoophiyaa, Lesilee Riid ammoo akka addunyaan ardii Afrikaa bonii itti hammaate quba qabaattu gaafate.

Caalaa agarsiisi

XS
SM
MD
LG