Xurree ittiin seenan

Hongee fi Hanqina Nyaataa Itiyoopiyaa Keessaa

Calendar

Itiyoophiyaa Keessatti Gargaarsa Nyaata Kan Hatattamaa Baranas Akka Barbaachisu Ibsame

Itiyoophiyaa Keessatti Gargaarsa Nyaata Kan Hatattamaa Baranas Akka Barbaachisu Ibsame

Bara reefuu seene 2017 Itiyoophiyaa keessatti uummanni Miliyoona 5.6 gargaarsa nyaataa kan hatattamaa akka barbaadu Mootummaan Itiyoophiyaa fi wal taatoonni isaa har’a ifa akka godhan.Uummanni gargaarsa eeggatan kun Oromiyaa keessa dhibba keessaa harka 36 bulchiinsa naannoo somaalee keessaa harka 29 naannoo Amaaraa keessaa harka 11 naannoo uummattoota kibbaa keessaa harka 8 akkasumas Afaar keessa harka 7 akka jiran ibsamee jira.

Sababaa El- Ninoon caamnii dhaqqabe xumuramuun isaa ibsamaa yeroo jiru kanatti caamnii haaraan mudachuun har’a dhaga’ame.Kunis sababaa lolaa bishaaniin akkasumas haala qilleensa tujii Hindii irratti mudatee waliin hidhata qaba jedhu aangawoonni.Kanneen gargaarsa fedhan kanaaf kan oolu doolaara miliyoona 900 fi miliyoona 48 kan barbaachisu ta’uun ibsamee jira. Garu bara darbee 2016 irraa maallaqanii hafe waan jiruuf kan amma barbaachisu doolaara miliyoona 700 fi miliyoona 15 ta’uun ibsamee jira.

Caamnii ammaa kun naannoo horsisee bulaan jiraatu irratti kan heddumaatu ta’u fi arjoomtoonni caama haaraa mudate jedhame kana simatanii akka gargaaran gochuuf yaalii cimaa kan gaafatu ta’uun ibsamee jira.

Gabaasaa Guutuu Kana Cuqaasuun Dhaggeefadhaa

Zimbaabweetti gargaarssi nyaataa ogga rabsamu

Zimbaabweetti gargaarssi nyaataa ogga rabsamu

Kibba Afrikaa irraa qofa namoonnii miliyoona 49 sababa ongeetiin midhamuu danda'an jedha itti gafatamaan Federeeshinii Hawaasa Fannoo Dimaa fi Baatii Dimaa Addunya (International Federation of Red Cross and Red Crescent Societies). Gargaarssi atattamaa qofti gahaa akka hin taanee han dubbatu itti gafatamaan kun, dhaabbileen gargaarsaa dhimma akka karaa, bishaan fi ibsaafaa dabalatee hawwaasnni akka jajjabaatu gochuu irratti xiyyeeffachuu gaafata jedhan.

FILE -Haadha daa'ima sababa hanqina nyaataatin jalaa dhukkubsate bishaan obaasaa jiru, Somaaliyaa

FILE -Haadha daa'ima sababa hanqina nyaataatin jalaa dhukkubsate bishaan obaasaa jiru, Somaaliyaa

Hoggantoonni dhabatoota gargaarsaa adda addaa hammina ongee biyyoota Kibba Afrikaa rukkutee dedeebi'anii himaa jiran. Rakkinni ongee kanaan dhufaa jiru odoo hin foyyaa'in dura, hawaasnni naannoo sanii han kana caaluu arguun isa hin ooluu jedhanii addunyaa akkeekkachiisaa jiran.

Eelniinoodhan han ka'e ,haalli qilleensaa jijjiramaa dhufuun barreengaddaa jalqabe. Biyyoonni Kibba Afrikaa lolaa rooba guddaatii, booda immoo ongeedhaa saaxilamaniiru.

Itti gaafatamaan Federeeshinii Hawaasa Fannoo Dimaa fi Baatii Diimaa Addunyaa, Elhaaj Sii Maalaawii fi Zimbaabweetti bakka ongeedhaan caalaatti rukkutaman daawwatee deebi'e. Waan argee yeroo ibsu...

"Namoonni rakiina kanaaf saxilaaman carraan isaan eggatu akka jirutti ta'e, jabbinna isaaniitan dhinqisifadha jedha. Funduraa gaaritu isaanitti mullata, akka hawaasatti jabinaa fi kabaja guddaa ofii qaban,” jedha.

Federeeshinii Hawaasa Fannoo Diimaa fi Baatii Diimaa Addunyaa gargaarssa doolaarii miliyoona 112 han oggaa afran dhufaaniif hojjiirra oluu ramaduu isaa hogganaan kun torbban kana beeksiseera. Gargaarsi kunis namoota ongeedhan midhamani gargaarsa atattamaa kennuu qofa odoo hin ta'in funduratti rakinoota isaan qunnamuu akkamitti dandamachuu akka dand'an barsiisudhafis oola jedhan.

Caalaa agarsiisi

XS
SM
MD
LG