WASHINGTON DC —
Bara 2001 keessa gareeleen Adda Bilisummaa Oromoo bakka lamatti qodamanii turan Addi Bilisummaa Oromoo shanee gumii fi Addi Bilisummaa Oromoo qaama ce’umsaa deebi’anii tokkummaa uumuu isaanii ibsanii jiran.
Tattaafii araaraa yeroo dheeraaf deemaa fi gidduttis danqamaa ture booda dhuma irratti qabsoo bilisummaa oromoo fiixaan baasuuf tokkomne jedhanii jiran.
Waggootii kudha tokko keessatti hojii hojjatame caalaa badii dhaqqabeetu qabsoo silaa gaggeeffamu malee irratti danqaa uume jechuun bakka bu’onni gam lameenii hubachisanii jiran. Kaayyoon keenya amma iyyuu saba Oromoo bilisa baasuu fi Oromoyaa bilisa taate argamsisuu dha jedhu. Gabaasa Guutuu armaa gaditti caqasaa.