Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taphattotii Kubbaa Milaa Eertiraa Dorgommiif Ugaandaatti Dabran Harka Kennachuu Hin Oolan


Addunyaan Dorgommii kubbaa miilaatti jirti.Taphattoota kubbaa miilaa Eertiraa ammoo hoteelii qabaniif keessaa dhaban.

Eeritaalleen akkuma biyya Afrikaa gama Bahaatii fi gama Jidduu dorgommii CECAFAtii Kampaalaa,Ugaandaatti dabarte.Taatullee akka itti gaafatamaan guddaan CECAFA, Nikolaas Musonilleenitti jedhetti jara kana gara isaan jiranii barbaadanii dhaban jedhanii poolisii fi bulchootii kubbaa miilaalleen barbaaduutti jiran.

“Taphattootii kubbaa miilaa Eertiraa fi doktorii jara wlaiin jirulleen 18 hoteelii qabaniif keessaa dhabee waan jedhaa.Akkuma dhageenneen itti gaafatamoota kubbaa miilaa Ertiraa fi poolisiilleetti himne.”

Taphattoota kubbaa miilaa Eeritaa keessaa 14tti hoteelii qabaniif keessaa dhabani harka kennachuu hin oolan jedhan.

Eeritaan tapha Zaanzibaariin waliin taphatte irratti 0-0,Maalaawwii waliin taphatte irratti ammoo 3-2 moohmate. Taphattootii biyya tanaa yoo hedduu akkanuma badan.
Mee qophii Ispoortii hardhaa tanaa wwww.voaafaanoromoo.com irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG