Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Medrek Muudamuun Kaabineewwanii Faallaa Heera Itiyoopiyaa ti jedhe


Muummicha ministeeraa sadii Qabaachuun Heera Itiyoopiyaa keessa taa'ee hin jiru, kaabineewwan filatamanis fedhii paartii tokkichaa qofaa baabsu jechuun gareeleen mormituu qeeqan

Torban darbe muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Haayilemaariam Desaaleny jijjiirraa fi muudama kaabinee isaanii beeksisanii jiran.

Akkuma kanaan kan kana dura turetti dabaluu dhaan taayitaa itti aanaa muummicha ministeeraaf namoota lama muudanii jiran. Mormitoonnis heera biyyattii 75ffaa irra taa’ee kan jiru muummichi ministeeraa tokkichi qofaan jiraachuu seera jedhu faallessa.

Gamtaan Medrekis aangoo qooddannaan madaala isaa kan eege mitii akkaataan kaabineewwan kun itti muudamanis faallaa heeraa ti jechuun ibsa baasee jira. Gamtichatti bakka bu’aa WAFDO kan ta’an obbo Baqqalaa Nagaa ibsa nuuf kennanii jiran.

Gaaffii di Deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:06 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG