Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maatiin Obboo Waaqoo Roobaa Arsii Siraarootti Waan Hedduun Ummata Qarqaare


Obboo Waaqoo Roobaatii fi maatiin isaa ganna kurnya tokkoon duratti biyyaa bahan,eegii bahanii biyya dhaqanii laalanii waan dandeennuu ummata keessaa baane gargaaruuttijiraa jedhan Rakkataa loonii fi re’ee qoodaa,kutaalee barnootaa fi manneen kitaabaa jaaraa,ijoollee koollejjii baratan gargaaraa , haawwan barsiisaa waan hedduu hojjachuutti jiran.

Kutaalee barnootaa 10 caalaa,mana kitaabaa tokko jaaranii,loonii fi re’ee 90 caalaa bitanii ummataa qoodan.Hujii tana akka itti gaafatamaa dhaaba Roba Developemnt Fund Obboo Waaqoo Roobaatti maatii isaanii fi hariyaa waliin hojjtan.

Hujii haga ganna 10 keessatti hojjatan tanaaf akka jecha obboo Waaqootti doolara Amerikaa kuma 200 caalaa itti baasan.”Waan dandeennuun ummata keenna barsiisuuf tana hojjanne,” jedhu.

“Ijoollee baaddiyaa guurree barsiisne keessaa tokko digri MA barachuutti jira,tokko yuniversitii Samaratti eebifamee hujiitti jira,lama BA baratanii eebbifaman.. walumattuu ijoollee 37 barsiifineleenjii kenninaa waan akkanaa kana hojjanna.”

Obboo Roobaan faan akka namii biyya alaa jiraatullee hujii haga dandahuu ummataa hojjatu fedhan.

“Muka tokko dhaabdee,mucaa tokko barsiiftee mucaan sun nama tahee ufi gargaaree matii ufii gargaaree biyya sunii qorsa taha.”

Maatiin kun hujii tana ganda aanalee Siraaroo ka akka Sambatee Siinqee, Kattaa Siifoo,Kattaa Shirkanoo fi Lokkee Qacaa faatti hojjata.

Maatiin kun Norwey,Istaavengeri jiraataa biyya dhaqee hujii hojjata.”Haga jirru waan tokko ummataa hojjannee yoo dabarre wayyaa jedha.”

Mee tana ammoo caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:55 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG