Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii ‘Guutuu Oromiyaa’ Asallaa fi Bushooftuutti Itti Jiran


Dorgommiin ‘Guutuu Oromiyaa’ dorgommii kilabootii Oromiyaa 20nu baruma baraan irratti wal dorgomonan,tana waliin marroo 20eessoo.

Akka Obboo Anbessee Magarsaa Biiroo Dhimmaa Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa irraa nutti himetti dorgommii tana atileetota egerii biyya fulaa bu’anii dorgoman argachuuf itti jrian.

“Godinaaleen gama Ispoortiitiin maal irra akka jiran madaaluudhaaf..ispoortessiiota haaraa gandaa kaasee haga naannootti jiran filachuuf dorgommii qopheessan.”
Kaayoon lammeessoo ammoo akka obboo Anbesseetti dorgommiin tun atileetota Oromiyaa bakka bu’anii dorgommii ‘Guutuu Itoophiyaa 4essoo’ bara dhufu naannoo Amaaraatti qopheessan irratti hirmaatan filachuuf.

Kilaboota dorgommii tanaa dorgomuutti jiran keessaa tokkoo kilabii Warshaa Simintoo Muugeriiti.Leenjisaan kilabii tanaa obboo Melaakuu Dereseeti.

Kilabii tana keessaa akka jecha obboo Melaakuutti atileetota bebeekamoo Itoophiyaa fulaa bu’anii addunyaatti dorgomanitti hedduutti bahe.Dorgommii amma itti jiran tana irralleetti kilbiin isaanii akka dansaa moohachuutti jirti akka obbo Melaakuutti.

Dorgommi Guutuu Oromiyaa tana Arsii Asallaa fi Bushooftuutti dorgomuutti jiranii, walumattuu gosa Ispoortii 20 tahaniin itti jiran,Bushooftuutti bisaan daakaa, Asallaatti ammoo dorgommii 19n dorgomuutti jiran.

Mee qophii teenna tana MP3 tana irraa caqasaa.

Mee tana ammoo caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:40 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG