Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waltajjii Daayaasporaa addunya sadaffaan geggeeffame


Waltajjii Daayaasporaa kan bara 2013
Waltajjii Daayaasporaa kan bara 2013
Waltajjiin lammiiwwan alaa US keessa jiraatanii guyyoota lamaaf Washington DC keessatti geggeeffamuun xmururamee jira.

Ameericaan biyya goolu galtootaa ti. Mootummaa haaraa fi biyya yeroo ammaa illee kanneen hundeessan kanneen Awrooppaa, Afriikaa, giddu galeesa bahaa fi Laatiin Ameerikaa irra kanneen godaanan turan.

As Ameerikaa keessatti dhalatanii lammiiwwan Ameerikaa kan ta’an ykn immii maatiin isaanii lammiiwwan Itiyoopiyaa kan ta’aniif lammummaa dhuma Itiyoopiyaa qabatanii Ameerikaa keessa kanneen jiraatan hedduu dha. Walumaa gala walakkaa miliyoonaa ta’u jedhamee tilmaamama.

Lammiiwwan Itiyoopiyaa as Ameerikaa keessa jiraatan waggoota soddomman darban keessa guddina agarsiisuu isaanii Washington DCtti kan argamu waaltaan imaammata goolu galtummaa beeksisee jira.

Wixataa fi Kibxata Caamsaa 14 fi 15 waltajjii lammiiwwan alaa Ameerikaa keessa jiraatan kan addunyaa isa sadaffaa irratti milkaa’ina hedduu kanneen galeessisan beekkannaa sadarkaa addunyaa kanneen horatanii fi lammiwwan Itiyoopiyaa beekamoo, kan Ertraa fi hiddi dhalata Itiyoopiyaa argamaniiru.

Waltajjii lammiiwwan alaa Ameerikaa keessa jiraatan kan addunyaa kana kampaniilee spoonserii godhan keessaa VOAn tokko ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG