Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taphataa Kubbaa Miilaa Beekamaa Devid Beekamii fi Leenjisaa Aleksi Fergusen Tapha Dhiisuuf Labsan


Deevid Beekam
Deevid Beekam
Warrii addunyaan kubbaa miilaa isaan taphatanii fi leenjsian irraa faaydaa hedduu argatte;David Beekamii fi Manajerii garee Manchester United,Alekis Fergusen dhiyoo tana kaan tapha kaan ammoo leenjii dhiisuuf labsan.

Devdi Beekam nama ganna 20 caalaa garee Manchester Yunaytid dabalee Amerikaa fi biyya gara garaa keessa taphachaa bahe.Marroo 400 caalaa taphatee goolii 100 caalaa galafate.Garee isaatii goolii marroo hedduu shaampiyoonaa English Premier League moohachiise.Dorgommii UEFA fi FA CUP ya moohachiise.

Namii kun gaafa gannii isaa 17 taphachuu jalqabe,garee Amerikaa,LA Galaxy dabalee biyya hedduu taphate.Beekam nama maqaan isaa beessisaa fi waan gara garaatiin hojjatame.

Beekamiin kun horii tapha kubbaa miilaa irraa argatuun dureessaa beekkamaa tahe.Abbaa ijoollee afuritii,jaartiin isaalleen moodelii beekamtuu.

Namii kaan leenjii ykn garee Manchester Yunited leenjisuu dhiise ammoo Aleksi Ferguseniiti,garee tana ganna 26 waliin turee marroo 38 moohachiise.Dhiyoo tanallee dorgommii English Primer League marroo 13essoof moohachiise.
Ganna 71tti xurataa bahee nagaa dhaamate.

Mee tana ammoo caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:04 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG