WASHINGTON DC —
Biyyootii alaa keessatti meeshaaleen ittin baratan kitaabonni adda addaa ykn meeshaaleen qorannoo itiin geggeessan guutuu waan ta'aniif barattoonni yeroo hedduu ni milkaa’u.
Inni kun biyya keenya keessatti hagas guutuu ta'uu dhiisuu mala. Haa ta'u malee barattoonni tokkoo tokko barnoota isaanii haalaan waan hordofaniif tattaaffii ofii fi deggersa maatii-tiin qabxii ol aanaa kanneen galmeessan jiru.
Barataa Jorgoo Daamxoo Finfinnee keessa kan jiraatu yoo ta’ubarataa kutaa 8ffaa ti. Jorgoo Daamxoo jedhama. Mana barnootaa Lazarist catholic jedhamu keessaa barata. Herregaa fi Ingliffaan qabxii ol aanaa galmeessuu isaatiin shcolarship hanga biyya alaatti isa barsiisuu danda'u kan "Merit scholar ship jedhamu injifate.
Scholarship kana kan kenneef mana barnootaa "international community” jedhamu. Haati Jorgoo aadde Jaal’ee Dheeressaa-s milkaa’na ijoolleef deggersi maatii murteessaa dha jedhu.
Gaaffii fi deebii guutummaa isaa armaan gaditti dhaggeeffadhaa