Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bu’aa Barnootaa fi Nyaataa


Hirmaattota konferensii Laampoor malyeesiyaa
Hirmaattota konferensii Laampoor malyeesiyaa
Walgahiin Jireenyaa fi fayyaa shamarranii fi Dubartootaa irratti fulleeffate magaalaa galma mootummaa Maaleeshiyaa Kuwaalaa Laampuur keessatti torban kana gaggeeffamee jira.

Jaarmayaan sadarkaa addunyaa Human Deliivar jedhamuun walgahiin gaggeeffame kun keessumaa shamarran carraa barnootaa akkasumas tajaajiila eegumsa fayyaa akka argatan gochuun jireenya isaanii isa bara ga’eessummaa keessatti qooda ol aanaa qaba jedha. Gama hundaan odeeffanno argachuun barbaachisaa ta’uun ibsameera.


Gama kaaniin hanqinni nyaataa bara da’imummaatti mudatu booda dandeetti barnoota hordofuuf qaban kan miidhu ta’u jaarmayaan Briteen keessatti maadheffate seev z childreen beeksiseera. Kanas qorannaa Itiyoophiyaa Hindii peeru fi veyetnaam keessatti gaggeesse irraa ka’uun kan gabaasame ta’uu ibsameera.

Keessumaa daa’imni dhalatee hamma waggaa lamaatti yeroo itti guddinni sammuu jabaatu waan ta’eef nyaata madaalawaa argachuun akkaan barbaachisaa ta’uun ibsamee jira.
XS
SM
MD
LG