Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xiinxala Hojii Muummichi Ministeeraa Itiyoopiyaa kan waggaa tokkoo


Muummicha Ministeeraa Itiyoopiyaa H/Maariyaam Dassaaleny
Muummicha Ministeeraa Itiyoopiyaa H/Maariyaam Dassaaleny
Waggaa darbe jechuunis Hagayya 21 ganama du’uun muummicha ministeeraa Iiyoopiaa duraanii kan Meles Zenawi kan labsame torbanneen hedduuf hameen dhaga’amaa erga turee booda.

Du’i hoogganaa yeroo dheeraa kun itti aanaan isaanii Hailemariam Desalegn biyyattii ardii Afriikaa keessaa baay’ina uummataan lammaffaa taate kana akka hooggananiif karaa saaqe.

Hiriiraawwan farra mootummaas baatilee dhiyoo keessa Itiyoopiaa keessatti geggeeffamaa jiran. Muummichi ministeerichaa haaraan jijjiirraa kaabinee irra hedduu geggeessanii jiran.

Dubbi himaan muummicha ministeeraa Getachew Reddaa garuu hojiin hojjetamaa jiru kun qaama jijjiiramni bu’uuraa mootummaa keessatti geggeeffamuu miti jedhan.

Yeroo ammaa kan H/Mairam gochaa jiran jedhan obbo Geetaachoon imaammata paartii biyya bulchuun qophaa’e hojii irra oolchuu dha. Namoonni tarii imaammata bu’uuraatu jijjiirama jedhanii abdatan yoo jiraate gadduu danda’u. Sababiin isaas dhimma kana ilaalchisee jijjiiramaaf yaalis ta’e yaadi tokko iyyuu hin jiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:51 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG