Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) Kora Bara 2013tti Seenaa fi Aadaa Oromoo Waliin Waaan Hedduu Mari’atee Perzdaantillee Filate


Waldaan Qorannoo Oromo, (Oromo Studies Association) waldaa jireenna, qabsoo, seenaaa fi aadaa Oromoo hedduu irratti mari’achuuf baruma baraan kora taa’u.Korii barana WDC, Yuniversity Hawarditti taa’ellee 27essoo.

Marii baranaatti jireenna artistoota Oromoo biyya alaa jiranii,rakkoolee baqataa Oromoo biyya alaatti irra gahuutti jirtu jedhan waliin waan hedduu irratti waraqata qorannoo dhiyeessanii Washington DCtti kora guyyaa lamaa, Hagayya 3-4,2013 taahan.

Marii jireenna Oromoo malee OSA nama hedduullee ummataa hujii gugurdoo hojjatan jedhee kaan ammoo nama dhibii jabaatanii hojjachuuf fkn tahe jedhee nama afur badhaase.Hawaasa Oromoo Awustiraaliyaallee rakkoo Oromoo paarlaama biyya jiranitti lallabsiise jedhanii badhaasan.

Gama kaaniin ammoo namii biyya Amerikaa sadiilleen koruma OSA sun duratti kakatee Oromoomee waan Oromoo keessallee qooda qabachuuf waadaa gale.Nama dhiiraa lamaa fi ta nadheen tokko achumatti Roobaa,Lammii fi Jiituu jedhanii maqaallee baasaniif.

Tana maleelleen OSA perzdaantii bara hujii ufii fixate Dr.Moosisaa Aagaa irraa itti gaafatamaa Dr.Ibraahim Elemoo dabarse.

Mee qophii tana MP3 tana irraa caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:43 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG