Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masrii keessatti walitti bu'iinsi uumame lubbuu galaafate


Hiriira mormii fi hookkara Masrii keessaa
Hiriira mormii fi hookkara Masrii keessaa
Magaalaa kaayiroo fi kutaalee Masrii heddu keessatti walitti bu’iinsii hokkaraan guutamee babal’ataa jira.Kunis humnootiin nagaa eegsisan kan mootummaa deggertoota Muslim Brothehood kanneen mooraa lama kan kaayiroo keessatti walitti qabaman addaan facaasuuf yeroo bobba’anitti ture.

Mooraalee lameen Morsiin aangoo irraa eega buufamanii as deggertonni isaanii guyyaa 40 caalaaf keessa ta’anii mormii dhagesisaa jiran.Mooraa lameen keessaa xiqqicha kan jedhame isa yunivarsitii kaayiroo cina jiru humnootiin nagaa eegsisan akka salphaatti cabsanii seenuun itti milka’anii namoota hedduu hidhan.Kokolaataan Buldoozara jedhamuu waan namonni ijaarana mara diiguun daandii kan qulqulleessan yoo ta’u humnootiin nagaa eegsisan immoo dunkaana namootaa diiguun mormitootatti ibidda qabsiisan.

Mooraa guddicha isa masjiida cina jiru keessatti polisotaa fi waraanni biyyatti Gaaza himiimaansu gargaaramuun gara waltajjitti seenan. Mooraa sana keessatti ibiddi kan qabate yoo ta’u dumeessi gaaza himiimaansuu qilleensa naannoo guute. Hogganoonni sadarkaa olaanaa kan garee muslim brotherhood hidhamuun gabaasamee jira. Walitti bu’iinsii babal’ataa kan jiru ta’uus jedhu hogganaan yunivarsitii Al-Azhar sheik Ahmed Tayyeb namni hundumtuu hokkara akka dhaabu akkasumas hoggaooinni siyaasaa gad ta’anii dubbachuun akka walii galan gaafatan.

Dubbi himaan mootummaa ce’umsaa akka jedhantti hokkarri jiraatus akka karoora lafa ka’ameetti deemsi siyaasaa waan itti fufuuf kanneen siyaasa keessa jiran martiniuu itti hirmaadhaa jedhan.Garuu dubbi himaan Muslin Brothehood waraana masrii balaaleffachuun fixiinsa gageessaa jira, garuu mormii keenya itti fuufna jedhe. Mummichi ministeera Tarkii paarttiin isaanii garee Muslim Brotherhood waliin michooma waan qabuuf fixiinsa gaggeeeffame Tokkuummaa mootummotaa haa qoratu jedhan. Amerikaan gama isheen hookkara hiriirtota mormii sana irratti oofamu cimsitee balaaleffachuu dhaan maatii firoottan duraa du’anii fi madaa’aniif gadda itti dhaga’ame ibistee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG