Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaatti Rakoon Bisaanii Hagam Furamaa Deemuutti Jirti?


‘Bisaan lubbuu!’ Namii yoo hedduu bisaanii fi lubbuu wal bira qabee dubbatu,agabuu bulanii ooluu dandahanillee bisaan malee jiraachuun jajjabduu.

Oromiyaatti rakkoon bisaanii ta duriitiin yoo wal bira qaban maan fakkaatti? ‘Ta durii durii dhiifnee ta ammaa wal gaafannaalleen’ woma namii jedhu.

Akkuam taateefuu akka Ministerii Bisaanii fi Anniisaa(Energy)Federaalaa Obboo Alemaayyoo Tegenuu jedhutti,Itoophiyaatti amma nama harka 70tti bisaan qulqulloo argata.

“Naannoo tokko tokkotti garaa garummaa qabaa..haa tahuu malee akka durii san namii naannoo fagoo deemee loon isaa obaasuu fi ufiifis dhuguudhaaf akkaataan innii itti deemu baayyee diqqaachaa dhufee jira…wal gahiinsii bishaan biyyattii dhibbeentaa 70 irra gahee jira.”

Akka jecha obboo Alemaayyootti biyya keessatti laftii bisaan argataniif kuma dhibba hedduu.Akkuma kanaan magaalaa keessatti namii hedduun metirii 500 irraa bisaan argata,baaddiyaa ammoo km1.5 irraa bisaan argatan,karoora kanaan hojjachuutti jiran.

Taatullee porojeektiin bisaan ta Oromiyaa keessatti jalqaban ta akka bisaan Booranaa,ka Fantaallee,ka Harar,fi ta Baalee faan akka silaa ariifattee dhumachu maltetti hin dhumanne ka jedhullee hedduma,akka obboo Alemaayyotti ammoo:

“Kan Fanataallee ballinnaan huji jalqabee namii irraa fayyadamaa jira,Hargree Bahaa keessatti ummannii baayyinnaan irraa fayyadamaa jiraa,kan Booranaa porojektii guddaa barana hin xumurama..bisaan dhugaatiin Oromiyaadhaa dhibbeentaa 71 irraa gahe jira.”

Rakkoon dhibiin namii himatu,hujii bisaan baasuu yoo jalqaban yoo tokko tokko bajata jedhanii dafanii hin fixan, bisaan baasuuf qotani fa dhaban,tokko tokko ammoo qalbii tokkoon hin hojjatan fa jedhan.Akka obbo Alemaayyootti porojeektiin bajetaa jedhanii dhumuu dadhabde hin jirtu.

Hujiin bisaan baasuu tun naannoo Oromiyaa hedduutti bara 2006 keessa dhumatti jedha obboo Alemaayyoon,

“kan Booranaa ni xumuramaa..kan Fantaallees hujiin baballisuu itti deemamee sadarkaa olaanaa irra gahaa,Hararge keessattis wantoonnii jalqaban xumuramaa jiru bara 2006 keessatti wanta hedduu dha kan xumuraman.”

Gama kaaniin ammoo naannoolee akka Arsii Nageellee,Gujii,Hararge Lamaan, Baabbillee, Mattuu, Naqamtee fi Gimbii faalleen rakkoo bisaanii hedduu qaban jedhan ta ammoo torbaan dhufu itti deebina.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:42 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG