Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gara Fuul-duraatti Inerjii Sudaanii fi Itiyoophiyaa Irraa Bitachuu Dandeenya, jedhu – Prezidaasntiin Ertiraa


Prezidaantiin Ertiraa – Isaayyaas Afewarqii, waggaa 52ffaa jalqabamuu qabsoo bilisummaa Ertiraa ilaalchisuun dhimma dinagdee, hawaasummaa, siyaasaa fi Dippiloomaasii irratti gaazzexeessotaaf ibsa kennanii jiran.

Imaammata alaa biyya isaanii ilaalchisuun, ibsa kennaniin , “imaammatni ollaa tumsitummaa fi tasgabbii qabu irratti hundaawa,” ka jedhan Prezidaant Isaayaas - biyyoota akka Marii, Republikii Sudaan, Sudaan Kibbaa fi Somaaliyaa waliin, akkasumas, dhimma Naayil irratti wal-hubannaa qajeelaa qabaachuu dubbatu.

Waa’ee hanqina Inerjii Ertiraa keessaa ilaalchisuun ibsa kennaniinis, furmaata waaraa fiduuf, biyyoota ollaa akka Sudaanii fi Itiyoophiyaa faa irraa bitachuu akka itti yaadan dubbatan – Prezidaantichi Ertiraa.

“Akka qaama walii-galtee naannoo qabnutti, SUDAAN irraa inerjii biyya keenya gama DHIHAA-f ta’u bituu dandeenya. Waa’eedhuma ETHIOPIA iyyuu dubbachuu dandeenya. Wal-danqaan waa’ee daangaa gidduu keenyatti uumame, deemsaan waan booda keenyatti hafuuf, Inerjiin Miliniyeemii yokaan Iddaasee ennaa gabaa irra oolu irraa bitachuu dandeenya. Wal-gargaarsaa fi walii-tumsa naannoo yoo jedhame, waan akkanaa ti - jedhan - Prezidaant Isaayaas” jedhu.

Waa’ee uggura Tokkummaa Mootummootaa biyya isaaniitti fuuleffatees ennaa dubatan yaaliin faayidaa hin qabne akkanaa kasaaraadhaan dhumate. Biyyoonni miseensota Gola Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa duula gatii hin qabne Ertiraa irratti geggeessamu kana hin fudhanne, jedhanii jiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:01:33 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG