Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaan Mana Murtii Addunyaa Keessa Ba’uuf Yaalaa Jirti


Keniyaan Mana Murtii Addunyaa Keessa Ba’uuf Yaalaa Jirti
Keniyaan miseensummaa mana murtii yakka qoratu kan addunyaa keessaa akka baatuuf paarlaamaan biyyatti torban darbe murteessee jira.

Prezidaant Uhuruu keeniyaattaa fi itti aanaan isaanii Wiliyaam Ruttoo waggaa 5 dura filannoo biyyatti keessatti gaggeeffame sanaa booda hookkara uumamee qindeessan, kanaaniis namoonni 1100 caalaan dhumanii kanneen kuma 600 ta’an manaa fi qe’e ofii irraa godaanan jedha himannaan irratti dhiyaate.

Himannaa kanaaf mana murtii addunyaa kan yakka qoratu - ICC duratti dhiyaachuuf yeroo jedhanitti tarkaanfii kana fudhate – paarlaamaan Keeniyaa.

Jaarmayoonni mirga dhala namaaf falman akka jedhanitti Keeniyaan miseensummaa keessaa ba’uun jijjirama biyyattiin gama itti gafatamuummaa siyaasaan argamsiiste boodatti deebisuu dha.

Manni murtii addunyaa gama isaan akka jedhutti Keeniyaan miseensummaa keessaa baatuus dhiiftuus himannaan aangawoota lamaanii fi Gazexxessaa Raadiyoof hojjatu Jaashuua Arap Saang irratti diyaate itti fufa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:30 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG