Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perzdaant Obaamaan Siiriyaa 'Adabuun' Duratti Qaraa Akka Falii Raashiyaa Hojjatu Laaluu Fedha


Hajaja Perzdaanti Obaamaatiin waraanii Amerikaa waraana kemikaala mootummaa Siiriyaa hadhuuf ammallee qophii jiraa aluma jirallee.

Doonii hedduutti garba Mediteraniyaan irraa hajaja bulchoota waraanaa eegachuutti jira.Waraanii kun yoo Siiriyaa hadhu km kuma lamatti dhiyaattu irraa waan loluuf loltuun miilaa ta Amerikaa lola kanatti hin seentu.

Wantii Siiriyaa hadhuuf waraanii qophaaheef akka jecha perzdaanti Obaamaatti Siriyaatti seera addunyaa cabsee ummata isii kemikaalii waraanaatiin hadhe.Nama kuma tokkoo fi dhibbaa afruii caalaatti dhumate.

Waraana Kemikaalaatiin nama hadhuun ammoo seera addunyaatii ala,”tanaaf Amerikaalleen akka bulchootii abbootii irree borillee abbaa fedhaniin hin aanee fi fedhiin Amerikaalleen hin tuqamneef Siiriyaa adabuu feeti,” jedha Obaamaan.

Woma taateefuu adoo tun jirtuu Raashiyaan mi’a waraanaa Siiriyaa kana harka Tokkummaa Mootummootaatti deebisuuf bulchoota Siiriyaatiin walii galtee.Akka Perzdaanti Obaamaatti “kun yaada dansaa taatullee yaada dubbiin lafa irra harkisan tahuu hin malle,” jedha.

Woma taateefuu Obaamaan waraanii Amerikaa lolaa bahellee lafuma jiru turaa akka falii kun hojjatu ilaallaa tahuu baanaan falii jiru ka akka perzdaantiin Siiriyaa fala araaraa fudhatu tolchiisu taha jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG