Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hegereen Muslim Brotherhood Hin beekamu


Erga waraanni Prezidantii masrii Mohamed Morsii baatii lama dura aangoo irraa darbee booda muslim brotherhood danqaatu isa mudatee jira.

Mr. Morsiin hookkaraa fi ajjeechaa raawwatame kakaasan jedhamuu dhaan himatamanii yakka ilaalcha eegaa jiran, mootummaan waraanaan deggeramu kan biyyattis hoogganoota Brotherhood hedduu to’annaa jala oolchan.

Humnootiin naga eegumsa Masriis deggertoota Morsii kanneen hiriira mormii geggeessan adamsuun dhangala’uu dhiigaaf sababaa ta’e.

Shibley Telhami Universitii Mariilaand-tti profesora nagaa fi misoomaa kan anwar Sadat. Brotherhood aangoo gad dhiiseera, garuu bakka hin gad dhiisne jedhan. Gareen kun kanneen isaan amanaman qaba waan ta’eef aangoo siyaasaa isaa hanga tokko deeffachuu hin oolu jedhan.

Hoogganaan humnootii waraana Masrii General Abde4l Fatah el Sissi dhiyeenya akka jedhanitti Masrii keessaa eenyuuf iyyuu aangoo siyaasaaf bakki jira jedhanii turan.
Telhamin garuu Brotherhood siyaasa masrii keessatti qooda qabaachuun mootummaan biyattii garee kana attamiin akka isa ilaalu irratti murtaa’a.

Ammaaf garuu mootummaan yeroo ce’umsaa kan yeroo tokko ugguramee ture dhaaba brotherhoodf ilaalcha adda addaa qaba jedhan. Namoonni hagi tokko gareen kun guutummaan dhabamuu qabaa, siyaasa Masrii keessaa qooda qabaachuu hin qaban kanneen jedhan jiru.

kan immoo dhiibbaan irra kaa’amee erga dadhabanii booda dhuma irratti marii siyaasaatti akka dhufan gochuun ni danda’ama jedhanii yaadanis jiru. hyyuun dhimma siyaasaa Masrii ka biroon immoo Brotherhood injifannoo siyaasaa gonfachuun isaa hagas amansiisaa miti jedhu.

Eric Trager waaltaa Washington kan dhimmootii imaammaga gama bahaa akka jedhanitti hoogganoonni gameeyyiin garee kanaa hedduun hidhamuun dhaabicha dadhabsiiseera. Hidhaan akasii immoo Brotherhood dandeettii hojii isaa miidhee jira. Sababiin isaas hojiin isaanii sadarkaa gad aanaa ajaja kan argatu hoogganoota gameeyyii irraa waan ta’eefi jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG