Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Abbaa Irree Didne! Dimookitraasii Tole Jenne! Oromoo Addatti Dararuu fi Ajjeesuun Haa Dhaabatu!’ jedhan, Hiriirtonni London Keessaa


Lammiwwan Oromoo Briteen keessa jiraatan, har’a, magaalaa London keessatti walga’uudhaan, “Mootummaan Itiyoophiyaa uummata Oromootti addatti fuuleffachuudhaan, ukkaamsaa fi cunqursaa adda addaa, hidhaa, dararaa fi ajjeechaa irratti geggeessaa jira” ka jedhan balaaleffachuuf hiriira bahanii jiran. Hawaasa Oromoo Briteen keessa jiraataniin ka qophaa’e - hiriira mormii har’aa kana kanneen qindeessan keessaa tokko - Prezidaantii Mana-murtii Oromiyaa durii fi abbaa-murtii Mana-murtii Walii-galaa Federaalaa Itiyoophiyaa durii amma London jiraatan - Obbo Teshaalee Abarraa telefoonaan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, sababaan hiriira isaanii ijoon, dhiheenya kana – Hagayya 23, bara 2013 halkan Injiiner Tesfaahun Camadaa mana hidhaa Qaallittii keessatti du’uu ta’e iyyuu, kaayyoon isaa sana caalaa bal’aa ta’uu dubbatan.

“Ilmaan Oromoo mana hidhaatti du’uun kun isa jalqabaa miti. Ammaan dura wanneen kana fakkaatan hedduu tu seenaa Oromoo keessatti mul’ate. Fakkeenyaaf Alamaayyoo Garbaa faa. Hidhaa, dararaa fi ajjeechaa tu waggoota hedduudhaaf otuu wal irraa hin citiin addatti uummata Oromoo irratti geggeessamaa jira. Mootummaa Itiyoophiyaa dhiittaa mirga dhala-namaa kana geggeessuu kanneen maallaqaa fi amileen gargaaran keessaa immoo tokko Mootummaa Briteeni. Kana callisnee ilaaluu hin qabnu. Mormiin keenyaa fi iyyannaan keenya itti fufa.” Jedhu, Obbo Tashaaleen.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:44 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG