Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Awrooppaa gaazexeessota Itiyoopiyaa hidhaa keessa jiran iif beekkannaa kenne


parlaamaan Awrooppaa Maqaa kaadhimamtoota badhaas Sakaaroov kan yaada ofii bilisummaan ibsachuu kan beeksise wixata darbe ture.

Akka ibsa paarlaamaa sanaatti lammii pakistan kan taate Malaayilaa Yuu saav zaay, lammii Ameerikaa Edward Snoweden lammiiwwan Itiyoopiyaa Riyoota Alemuu fi Iskindir Neggaa lammiiwwan Belaarus Alis Biya latiskii, Edward Labaa wuu, fi Makol Stat kevich, maqaa hidhamtoota polotiikaa biyyattii maraa, lammii Rashiyaa Mikaa’el kodoroviskii Nama lubuun jiru kan jedhuun ka jalqabame mormitoota mootummaa turkii, odu gabaasaa caasaa TV CNN sagantaa garbummaa jabanaa dhabamsiisuu jedhu turan.

Lammiiwwan Itiyoopiyaa Riyoot fi Iskinder badhaasa sanaaf kan kaadhimaman miseensa paarlaamaa Awrooppaa Anna Gomesh-n ta’uu paarlaamaan Awropa beeksiseera.

Waa’ee Riyoot Alemuu fi Iskinder Negaa badhaasa Sakaaroov kan yaada ofii bilisummaan ibsuuf kaadhimamuutti kan amanan paarlaamaa sana keessaa isaan qofa akka hin ta’in Anna Gomesh ibsaniiru.

Qofaa koo miti kan ani isaan dhiyeesse. Riyoot Alemuu fi Iskinder Neggaa badhaasa Saraakoov kan bara 2013tti dhiyeessuuf ana waliin kan mallatteessan miseensota paarlaamaa 40 ta’antu jiru.

Filannoo isa miilanaatiin Riyootii fi Iskinder namoota addunyaa irraa maqaan isaanii dha’ame kanneen 12 ta’an keessaa kanneen torba ta’an keessaa ta’uu isaanii baatii Onkoloolessaa keessa kan geggeeffamu fiolannoo Paarlaamaa irratti tokko sagalee caalmaan kan filatamu ta’uu beeksisaniiru. Iskinder fi Riyoot toora sana keessa yeroo seenan ulaagaa paarlaamaan baase guutuun ta’uu Ms Gomesh tuqaniiru.

Akka ulaagaa paarlaamaan sun baasetti kan madaalaman qabsoo isaan dimokraasii fi murtii haqaa isaaniif geggeessan ilaalamee ti.

Itti dabaluu dhaanis haala Riyoot keessa jirtu itti dhiyeenyaan hordofaa kan jiran ta’uu Ms Gomesh ibsaniiru.

Riyoot Alemuu mana hidhaa Qaallitii keessatti mormii nyaata lagachuu irra jiraachuu isee dhageenyeerra. Haall isheen keessa jirtu nu yaaddesseera. Filannoo kanaanis kan isaaniif kanneen biroo mirga dimokraasii haqaa fi mirga dhala namaaf jecha manneen hidhaa Itiyoopiyaa keessa jiran gaazexeessotaa fi hidhamtoota polotiikaa dararaa isaan irra ga’u mul’inatti beeksisuu feena jedhan.

Itti dabalaniis Itiyoopiyaan qabsaa’ota ija jaboota kanneen akka Iskinder Neggaa fi Riyoota Alemuu ukkaamsuu dhaan itti gaafatama ishee irraanfatteetti jedhan.

Dhimma itiyoopiyaa keessa seenu jechuu dhaan kan isaan jibban angawoonni Itiyoopiyaa jiru isa jedhuuf Ms gomesh yoo deebisan ani michuu lammiiwwan Itiyoopiyaa ti, kanneen mirga namaaf qabsaa’an maraan mootummaan Itiyoopiyaa shorokeessota waan jedhuuf anis mirga lammiiwwan Itiyoopiyaaf falmuu koof shororkeessituu yoo nan jedhe na hin dhibu jedhan Ms. Ana Gomesh.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG