Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayjeeriyaa fi Itoophiyaan Dorgommii Kubbaa Milaa Finfinnee Qabaniif Walti Qophaa'uutti iran


Biyyiti tun lamaan biyyoota Afrikaa 10n waancaa addunyaa ganna dhufu Biraazitti taphatanii dabruuf taphachuutti jiran keessaa tokko.Dorgommii tana Afrikaa keessaa biyya shanitti dabra.

Nyaayjeeriyaan tapha kanaaf taphattoota alaa qabdu ta akka John Mikel Obi,Victor Moses, Emmanuel Emenikoo faa guurratte Itoophiyaatti qopheeffachuutti jirti.
Obii fi Moses warra garee English Premiere Leaguetii taphatuu.Naayjeeriyaan tana malee nama akka John Ogu,Ogenyi Onazi,Nosa Igiebor Sunday Mba faallee alaa yaammattee dhufaa karaa jira.

Itoophiyaa fi Naayeeriyaan Onkololeessa 12 Finfinneetti eegee ammoo 16 Naayjeeriyaatti tapahtan.

Akka James Peterd itti aanaan daareketera teknika federeshiinii kubbaa miilaa Naayjeeriyaa jedhutti gareen isaanii Itoophiyaa moohattee waancaa addunyaatii dabaruuf shakkii hin qabduu %100 ufi abdatti.

Itoophiyaan eennuu fa akka Naayjeeriyaa qopheessitu ammatti hin dubbanne.Dorogommii biyya Afrikaa shan waandaa addunyaatiif dabruuf fialtan tanaan Itoophiyaa fi Naayjeeriyaa,Masrii fi Gaanaa jenne malee; Côte d’Ivoire-Senegal,Tunisia – Cameroon fi Burkina Faso - Algeriati waliin taphata.

Masrii fi Gaanaalleen akkanuma walti qophaahuutti jiran.Masriin taphattoota akka Geedoo,Mohammed Saalaa,Elmohammad fa alaa yaammatte.Masrii fi Gaanaan Onkololeessa 15 waliin taphatan.Masrii nama Amerikaa,Bob Bradely leenjisa.

Dorgommii biskileettii ta Tour of Britain sadarkaa 8tessoo ta kalee km 88 irratti wal dorgoman Sir Bradely Wigginsitti moo’e.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:41 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG