Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkuboota Uummata Afrikaa Miidhan


Garaa kaasaa ykn garaa baasaan dhukkuboota ijoollee Afrikaa keessaa ajjesuun sadarkaa duraa qabatan keessaa tokko ta’uu gabaasaan haaraa ba’e hubachisee jira.

Angawonni eegumsa fayyaa yeroo baayyee maaltu weerara dhukkuba garaa baasaa akka fidu waan hin beekneef jecha biyyonni hanga tokko dhukkuba kana ittisuuf jecha talaalii gargaaramu.

Koleejii Teeknooloojii varjiniyaa kan qabeenya uumamaa keessatti gargaartuu profesaraa kan ta’an Kathleen Aleeksaander waggotii 20 caalaaf Afrikaa keessa kan hojjataa turan yoo ta’u lakkoofsi ijoollee garaa kaasaan du’an isa gabaasamu ni caalaa.Kanaaf naanoo baadiyyaa Afrikaa keessatti qorannaa gaggeessuun akkaan barbaachisaa dha jedhu.

Gama kaaniin waggootii darban 10 keessatti facainni vaayrasii HIV kan dhukkuba Eedsii fidu gad bu’un isaa gabaasamee jira.Dubartonni ulfaa vaayrasii HIV waliin jiraatan hedduun dawaa fudhachuu waan jalqabaniif jecha vaayrasiin kun haadha irraa gara mucaa gadameessa keessa jiruutti darbuu hin danda’u.

Dubartonni ulfaa kanneen vaayrasii HIV waliin jiraatan dhibba keessaa harka jaatamii lama ta’an dawaa farra vaayrasichaa fudhataa jiru.Kanaaf lakkofsi ijoollee vaayrasii HIV waliin dhalatan isa waggaa kudhan dura ture sana irraa walakkaa miliyoonaan gad cabse.

Waggaa darbe jechuun bara 2012 uummata miliyoona soddomii shanii fi qabxii sadiitu guutuummaa addunyaa irratti vaayrasii HIV waliin jiraata.Kanneen miliyoona tokko fi qabxii ja’a ta’an immo dhukkuboota Eedsii wajjin hidhata qabaniin du’an.

Addunyaa irratti uummata vaayrasii HIV waliin jiraatu keessaa harka 75 kan ta’an biyyooTA Afrikaa uffee sahaaraa gadii keessatti argamu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:55 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG