Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantonni Afriikaa bishaaniin nyaataman


Seorang pria menonton uji terbang pesawat bertenaga surya, 'Impulse 2' di Payerne, Swiss. Pesawat Impulse 2 memiliki berat 2,4 ton dengan rentangan sayap sepanjang 72 meter, yang dilengkapi dengan 17.000 sel-sel surya.
Seorang pria menonton uji terbang pesawat bertenaga surya, 'Impulse 2' di Payerne, Swiss. Pesawat Impulse 2 memiliki berat 2,4 ton dengan rentangan sayap sepanjang 72 meter, yang dilengkapi dengan 17.000 sel-sel surya.
Waardiyaaleen andaara galaanaa koolu galtoota biduruu buufata galaana Lampedusa keessatti gargalte irra turan gargaaraa jiran.

Irra hedduun koolu galtoota kanaa dhiirota turan. Angawoonni dhaabbata Rom keessa maadheffate kan dhimma koolu galtootaa akka jedhanitti dubartoonni irra hedduuf ijoolleen martinuu kanneen biduruu koolu galtootaa sana irra turan ni liqmsaman.

Bidiruun namoota 500 ta’an baattee deemaa turte kan gargalte ibidda bidiruttii irratti ka’een yoo ta’u yeroo balaan kun irra ga’u qarqara galaana Lampedusa irra turte.

Buufata galaana Lampedusa gar tokkee irra reeffi namaa lafa nam’ee argama, kanneen achi buuteen dhabaman barbaaduun itti fufee jira.

Angawoonni akka jedhanitti koolu galtoonni kun Ertraa irraa yoo ta’an akka gabaasaaleen jedhanitti hagi tokko Somalia irraa ta’uu malu. Bidiruttiin namoota seenaan ala deddeebisanii kun Libya irraa kaate.

Jaarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa akka jedhetti waggaa kana kan waggaa darbe waliin yeroo ilaalamu koolu galtoota seeraan alaa Afriikaa irraa ta’an dachaa sadiitu Xaaliyaanii seenan.

Odolli biyyattii gama kibbaa koolu galtoota kan hawatu si’a ta’u garuu bakka hamaa fi andaara galaana Afriikaattis dhiyoo dha.

Amnesty International irraa Yezerca Tigani VOAf ibsa kennaniin balaan boodanaa carraa uummata Afriikaa fi giddu galeessa bahaa kanneen jireenya isaanii fi kan ijoollee isanaii hiyyummaa fi jeequmsa jalaa dheessuuf jecha jireenya isaanii balaa irra buusaniif yaadachiisa rifaasisaa dha.

Biyyoonni jeequmsa keessa jiraachuun isaanii ifa galaa ta’e jiru. Uummannis jeeqama sana jalaa dheessuuf yaalii godhu.Maatii isaanii oolchuuf yaalu jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:59 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG