Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Hujii Hidha-Abbayaa Ittuma Jirti, Haga Ammaatti Qarshii Biliyoona 20 Olitti Itti Bahe Jedhan


Hujii Haroo Abbayaa laga Nile irratti jaaran tana ganan afur keessatti fixuuf hojjachuutti jiran,akka minsiterii Bisaanii fi Annisaa Obboo Alemaayyoo Tegenuu VOAtti himetti haga ammaatti huji tana harka 20 caalatti hojjatamee birrii biliyoona 20 caalaatti itti bahe.

Hidhaan-Abbayaa tun dhumannaan akka bulchootii Itoophiyaa jedhanitti biyya tana dhiisii biyyitii ollaatuu ibsee fi gargaarsa gara garaa irraa argachuu dandeetti.
Masriin bara isii haga guddaan bisaan Abbaayaa/NILE kanatti hirkachaa baate bisaan harka 90 caalaa alaa argatti jedhan.

Hidhaa-Haarmsa-Abbayaa tun ammoo bisaan nurraa diqqeessitee nu rakkifti jettee yaaddoo qabdu dubbachaa baate.Taatullee akka Obboo Alemaayyootti hujiin hidhaa tanaa biyya ollootaa cufaa qooda keessaa qabaatan malee ta “biyya tokko miidhuuf hojjatamtuu miti.”

Woma taateefuu Masrii,Suudanii fi Itoophiyaa Ji’a Sadaasaa 4,2013 jalaqabanii yaaddoo Masriin hujii tanaa irraa qabduu fi waan hujii tana irratti mari’achuuf Kaartuumitti walti dhufan

Korii kun akka Obboo Alemaayyootti hujiin tun maal irra jirtii fi eessatti deemuutti jirtii malee waan Masriin akkamitti hojjannaa jedhanii wal mari’atan hin qabdu.

"Hujii biyyitii hunduu deeggaraniiruu Gitsinis deeggaruu qabdi."

Hujii tana akka minsitera kanaatti ogeeyyota hedduutti irratti mari’ataa;akka hujii tanaan qilleensii naannoo hin hammaanne,jireennii ummataa hin tuqamnee fi waan akkanaa fa irratti mari’atan.

Itoophiyaan ammaaf akka misnitera kanaatti hidhaa haaromsa akkanaa tokkuma hojjachuutti jirti​.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:30 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG