Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoota Guddataa Jiran fi Dhukkuboota Mudatan


Onkolooleessi baatii dhukkuba kaansarii harmaa jedhamuun beekama.Sababiin isaas baatii kana keessa dhukkuba kaansarii harmaa kan ilaaleen uummanni hubannaa dabalataa akka argatu gochuuf hojii dadamaqisaa hedduutu Yunaaytid Steetes keessatti gaggeeffama.

Dubartoonni hedduun waggaa waggaan Dooktoroota bira dhaqaniii ituu harma isaanii ilaalchisanii kaansarii harmaa qabaachuun isaanii ituu hin baramiin turuun falmii guddaa kaasisee jira.

Kanneen keessaa tokko Zulimaa Palaasiyoo jedhamti.Kaansarii Harmaa qabaachuun koo beekamu isaa ji’a tokko dura ogeessi fayyaa meeshaa sonoo graam jedhamuun harma koo ilaalanii fayyaa dha naan jedhanjette.

Yeroo biraa Qorannaa gaggeeffameen garu kaansariin harma ishee keessaa argame iddoo tokko qofa otoo hin taane sadii ture.
kaansariin harma ishee qabate sadarkaa 3ffaa irra ga’eera garu qaama ishee keessa hin facaane.

Kanaafis yeroo ammaa macaacurri ykn seeliin kaansarii qaama ishee keessa hin jiru.

Gama kaaniin dhukkubii sukkaaraa biyyoota Afrikaa uffee sahaaraa gadii keessatti hammaataa kan jiru ta’uun ibsameera. Namoonni baayyeen dhukkuba kana qabaachu isaanii iyyu hin beekan.

Kutaa kana keessatti namoonni dhukkuba sukkaaraan qabamuu isaanii baruuf qorannaan gaggeeffamu dhibuu akkasumas wal’ansa ga’aa argachuuf rakkoon maallaqaa guddaa waan ta’eef namoonni dhukkuba sukkaaraan qabaman lakkofsaan dabalaa jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:29 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG