Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii Kilaboota Kubba-Miilaa Addunyaa Shanitti Guyyaa Sadiitti Goolii 133 Gale, Luis Suarez Liverpoolitti Bitate


EPL,La Liga,Bundisliga Serie A, fi League 1 kilaboota kubbaa miilaa addunyaa bebeekamoo shanan.Jarii kun sadeenuu dorgommii 2013-2014 eegii jalqabee torbaan 17 keessa jira.

La Liga dorgommii kubbaa miilaa kilaboota Ispainishiiti, Jimaata dabree asitti goolii 37tti gale.Tana keessa gugurdoon Barcelonan Getafe CF 5-2 moote,Espanyol ammoo Volladolid 4-2,Real Sociedad Granda 3-1 moohan.

EPL,English Premiere League,wal dorgommii kialbii Ingilishiitii tana irrattlleetti Jimaata dabree asitti goolii 30tti gale. Tapha guyyaa dheengaddaa irratti Mancity Fulham 4-2 Manunited West Ham 3-1 Newcastle,Crysatal Palace 3-0,Liverpool ammoo Cardil City 3-1 moohan.

Bundisliga dorgommii kilaboota Jaramaniiti guyyaa sadii keesatti goolii 19tti gale. Ligue1,dorgommii kilboota Faransaayiiti tana irralleetti guyyaa sadii keessatti goolii 19tti gale.

Serei A,tun ammoo dorgommii kilaboota Xaliyaanaatii,haga guyyaa dheengaddaatti goolii 28 gale.Tana keessaa Tornion kilabii Chivo 4-1,Roman Catania 4-0,Juventus Atlaantaa 4-1,Vernoan Lazio 4-1 moohan

Gama kaaniin ammoo taphattootii kubbaa miilaa Afrikaa bitatanii kilabii Awurooppaa keessa taphachuutti jiran torbaan kaan goolii galchan keessaa;Yaayyaa Tuuree,Adel Taarabat(Morocco) Shola Ameobi (Nigeria) Emmanule Adebayor(Togo)fa.Jarii kun kilabii keessa taphatu cufa goolii galche.

Gurbaan dhalootaan Toogoo ka akka Floyd Ayite,ka Burkina Faso ka akka Alain Traore,ka Tunisia ka akka Sami Allagui faalleen warra guyyaa dheengaddaa kilabii taphatuuti goolii galcheef keessaa tokko.

Gurbaan Saphir Taider dhalootaan Algeeriyaa ti,Sulley Muntaarilleen gurbaa Gaanaati jarii kun cuftii ijoollee Afrikaa ta tapha Kilabii Awurooppaatii kalee,guyyaa dheengaddaa fi guyyaa duraa keessatti goolii galchan keessaa tokko.
Taphatootii kubbaa miilaa adudnyaa tun warra dooalra miliyoona hedduutiin tapachifachuuf wal irraa bitatan.

Gama kaaniin ammoo taphataa kubbaa miilaa beekamaa,ka kilabii Uraagaay keessa taphacaa bahee Luis Suarez ya Liverpool Yuroo miliyoona 22 fi kuma 700 bitatte.Nmai kun bara 2006, biyya Netherlandsitti galee kilabii Groningen ta Eredivisie taphatee achii ammoo bara 2007 keessa Ajax taphate. Namii kun nama ganna 26ti Bara 2008-2009 keessa dorgommii 35 irratti goolii 33 galche.

Bara 2010-2011 ammoo walumattuu kilabii Ajaxi goolii 100essoo galcheefii warra gooli hedduu galchuun beekamu ka akka Johan Cruyff, Marco van Basten fi Dennis Bergkamp faatti dabalame.Gafa bara 2012 keessa haga tokko qofaa Liverpoolitti gale mindaan isaa yuroo 22.8.

Kilabiin Liverpool nama kana yuroo 22.7 kontoraata ganna 4fi ji’a jahaatii bitatte.Haga bara 2016 kilabuma tana keessa taphataa jechuu.Namii kun dhalootaan Urugay haa tahuu malee eegee kilabii Dutch,Ajax taphaa bahee achitti tapha 48 keesatti goolii 49 galche.Suarez lakkoofsa torba keeyyate fuul-dura taphata.

Gama kaaniin ammoo Manaajerii Chelsea Jose Mourinhoo ammoo taphattotoa lama bitachuuf kophii jira.Taphattootii lamaan innii Tottenham keessaa bitachuutti jiru;Vlad Chiriches fi dhalootaan Biraazil ka tahe Jose Paulinhoo fa horiin sossobachuutti jira.

Gama kaaniin ammoo atileetotii Oromiyaalleen dorgommii Guutu Oromiyaa Naqamteetti taphataniif qophii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG